Dooktar Jamaaluu Jambar Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee ta’uun muudaman

AMN PLUS – Fulbaana 19/2019

Dooktar Jamaaluu Jambar Baqqalaa Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti, Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee ta’uun muudaman.

Doktar Jamaaluu Jambar, bara 2016 irraa eegalee hanga ammaatti Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaa irratti hojiiwwan adda addaa hojjetaniiru.

Isaanis:

• Itti gaafatamaa Biiroo Tajaajila Hawaasummaafi Misooma Qabeenya Humna Namaa

• Itti gaafatamaa Itti Aanaa Biiroo Geejjibaa

• Komishinara Komishinii Qindeessaa Hirmaannaa Hawaasaa fi Tola Ooltummaa

• Itti gaafatamaa Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii

• Itti gaafatamaa Biiroo Carraa Hojii fi Misooma Intarpiraayizii

• Hoogganaa Olaanaa Abbaa Taayitaa Hayyamaafi To’annoo Konkolaachisaa fi Konkolaataa

ta’uun tajaajiluu Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply