AMN PLUS – Fulbaana 19/2019
Waggoota muraasa darban keessatti iddoowwan hawwata turistii ammayyaa ijaaraman, fuula magaalaa Finfinnee jijjiiruun fakkeenya magaalota Afrikaa taasisaa jiru.
Finfinneen yeroo tokko “magaalaa keessa qaxxamuruuf qofa tahuun tajaajilte” har’a garuu bakka daawwannaa turistootaaf filatamtuu ta’uu dandeesseetti.
Yaadannoo Injifannoo Adwaa, Paarkii Inxooxoo, Paarkii Shaggar, Paarkiiwwan Tokkummaa fi Michummaa, Godambaa Saayinsii, Paarkii Aradaa, misooma qarqara laga Qabbanaa, akkasumas pirojektoonni misooma koridarii magaalaa Finfinneef bifaafi bareedina haaraa kennaniiru.
Hojiileen qulqullinaa fi misooma magariisaa hojjetamanis magaalaa kana caalmaatti mijattuu fi bareedduu taasiseera.
Daandiiwwan koridarii dheeraan deemsa miilaa, sochiiwwan ispoortii fi bashannana maatiif mijatan, jireenya hawaasummaa magaalaa kanaa olkaasaniiru.

Bu’uuraaleen misoomaa kunneen magaalaa Finfinnee daawwattoota biyya keessaa fi alaa biratti hawwataa waan taasisaaniif, baay’inni turistoota gara magaalaa guddittii dhufanii daawwatanii haalaan dabaleera.
Lammiileen naannolee garaagaraa irraa dhufaniifi jiraattotni magaalaa Finfinnee iddoowwan hawwata turistii bal’inaan daawwachuun, aadaa turizimii biyya keessaa akka dagaaguuf carraa uumeera.
Hojiiwwan misoomaa gurguddoo kanneen akka Godambaa Saayinsii, Yaadannoo Injifannoo Adwaa fi Giddu gala Konveenshinii Idil-addunyaa Addis ijaaramanis, Finfinnee keessatti walga’iiwwanii fi konfiraansiiwwan idil-addunyaa gaggeeffaman akka dabalan taasiseera.
Duraan daawwattoonni biyya alaa Finfinnee kan daawwatan gara kutaalee biroo biyyattii deemuu isaanii dura sa’aatii muraasa qofaaf turu.
Amma garuu iddoowwan hawwata turizimii haaraan magaalaa guddittii keessatti hojjetamuun yeroo turtii isaanii gara guyyaa sadii fi afuritti akka dheeressan taasifamaniiru.

Akka Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanech Abeebee, yeroo tokko ibsanitti, baay’inni turistoota biyya alaarraa gara Finfinnee dhufanii daawwatan 123,489 irraa gara Miliyoona 1.2tti guddateera.
Waggoota shan keessatti galiin turistoota biyya alaarraa gara diinagdee magaalaa seenaa ture Birrii Biliyoona 5.63 irraa gara Birrii Biliyoona 242.6tti olkaasuu danda’amuu isaaniis eeraniiru.
Akkasumas, turistoota biyya keessaa irraa birrii biliyoona 63.3 gara diinagdee magaalaa Finfinneetti akka yaa’u ta’uu ibsameera.
Walumaagalatti, bu’uuraaleen misooma turizimii haaraan magaalaa guddittii keessatti ijaaramaa jiran, Finfinnee fakkeenya qulqullinaa, miidhagduufi ammayyumma Afrikaa taasisaa, akkasumas gahee ishee akka wiirtuu turizimii ardii Afrikaafi idil-addunyaatti caalmaatti bu’uuressaa jira.
Taammiraat Bishaawutiin qindaa’e