AMN PLUS – Fulbaana 20/2019
Manni Maree Magaalaa Finfinnee Hundeeffama mootummaa haaraa fi baniinsa yaa’ii jalqabaa Mana Maree 4ffaa gaggeessen Aadde Adaanech Abeebee Kantiibaa Magaalaa Finfinnee taasisuun irra deebiin moggaasera.
Aadde Adaanech Abeebee Kantiibaan Magaalaa Finfinnees Miseensota Mana Marichaa Fuulduratti sirna kakuu raawwachuun haasawaa taasisaniin Irra deebiin itti gaafatamummaa uummatni sagalee isaan nutti kennate ba’achuuf imala boqonnaa haaraa eegalleerra jedhan.
Haasawaa isaaniitiin itti gaafatamummaa fudhachuun imaanaa dacha dacha baachuudha kan jedhan Aadde Adaanech Abeebeen akkuma kanaan dura Finfinnee jiraattota isheef roga maraan mijattuu, hawaasa idil Addunyaas hawwattu taasisuuf kutannoon ni hojjenna jechuun waadaa galaniiru.

Finfinnee kutaalee hawaasaa maraaf taatu aadaa hojii 24/7’n ni misoomsina kan jedhan Aadde Adaanech muuxannoo gaarii kaleessaa itti fufsiisna, hanqina jiru jala jalaa furaa imalli keenya gara fuulduraatti jechuun ibsaniiru.
Magaalaan Finfinnee kan tokko gidduu, inni biroo ammoo moggaa dhaabbattee ilaaluu osoo hin taane mana sabaafi sablammoota maraa tahuun hundi keenya harka wal qabannee muuxannoo gaarii jiruun ammas milkaa’ina caalu ni milkeessina jedhan.

Namoomni waa hunda dursa kan jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee, hojii kamiyyuu keessatti namoomaaf dursa kenninee hojii magaalatti dorgomtummaarraa gara filatamummaatti guutuummaatti ni ceesifnaan kaasaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee jiraattotni magaalattii sagalee isaanii qaama bakka na bu’a jedhaniif osoo of-hin qusatiin kennuun nu filateeraa kaasuun, nutis irra deebiin itti gaafatamummaa uummatni sagalee isaan nutti kennate ba’achuuf imala boqonnaa haaraa eegalleerra,hundi keenya harka wal-qabannee kan kaleessa hojjenne caalaa ni hojjenna,uumaanis nu gargaara ni milkoofnas jedhaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin