
AMN PLUS – Fulbaana 20/2019
Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Hundeeffama mootummaa haaraa fi Baniinsa Yaa’ii jalqabaa Mana Maree 4ffaa gaggeessuu eegaleera.
Yaa’ichaan Aadde Buzeenaa Alkadir Afyaa’ii Olaantuu Mana Maree Magaalaa Finfinnee ta’uun marsaa 2ffaaf filamaniiru.
Aadde Buzeenaan waggoota shanan darban Afyaa’ii Olaantuu Mana Maree Magaalaa Finfinnee 3ffaa ta’uun Magaalaa Finfinnee sirnaan tajaajilaa akka turan himameera.
Hojiiwwan misoomaa magaalaa Finfinnee akka milkaa’aniif halkaniifi guyyaa hordoffii walirraa hin cinne taasisaa turuus ibsameera.
Aadde Buzeenaa Alkadir sirna kakuu raawwachuun, itti gaafatamummaa manni maree itti laate amanamummaan akka bahatan ibsaniiru.
Biyya Guddoo, Ummata Guddaa, Mul’ata Guddaa!
Tagany Bafiqaaduun Qindaa’e