AMN PLUS – Fulbaana 21/2019
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee irra deebiin Kantiibaa magaalattii tahuun moggaafamuu hordofee kaleessa miseensota mana mare fuulduratti sirna kakuu raawwataniiru.
Aadde Adaanech yaa’icharratti ergaa dabarsaniin waggoota shanan dhufan keessa waan dabe qajeelchuufi waan hir’ate guutuu, akkasumas dogoggora keenya uummata jalaa osoo hin dhoksin, hojii gaarii kaleessaa keenya sadarkaa caaluun itti fufsiisuuf ni hojjetan jechuun dubbataniiru.
Keessumaa, hojiiwwan dhiibbaa jireenyaa uummataa qabatamaan fooyyeessuu danda’aniif dursa kennuun akka hojjetamu ibsaniiru.
Kana malees, hoggansi aangoon kennameef mirga osoo hin taane itti gaafatamummaa fi amanamummaa ta’uu hubatee hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Gama biraatiin, dhaabbilee lammiilee walqixaafi kabajaan tajaajilan ijaaruu, mala hojii saamichaa fi hojimaata badaa irraa bilisa ta’e cimsuu, akkasumas hawaasa hojiiwwan akkanaa balaaleffatu horachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Tajaajilamaan tajaajila saffisaa fi ammayyaa salphaatti akka argatu babal’isuu, ce’umsa dijitaalaa mirkaneessuu fi mul’ata Dijitaal Itoophiyaa 2030 akka magaalaa Finfinneetti galmaan ga’uun hojiiwwan xiyyeeffannoon itti kennaman keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas damee diinagdeen hawaasa milkaa’aa horachuuf carraa hojii fi qabeenya bal’aa uumuu danda’uun akkaataa itti danda’amu mala dha’uufi babal’isuu, qaala’iinsa jireenyaa to’achuu fi hir’isuu, akkasumas sirna daldalaa ammayyaa babal’isuu irratti hojjetamu akka jiru ibsaniiru.
Dabalataanis, dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii bal’aa uumuu irratti xiyyeeffannoon akka kennamus ibsaniiru.
Invastimantii guddisuu, sirna daldalaa ammayyeessuu, industiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa babal’isuu, dhaabbilee daldalaa xixiqqaa onnachiisuu, akkasumas teeknooloojii fi kalaqaan deeggaruun Finfinnee magaalaa qabeenyiifi carraan hojii itti uumamu taasisuuf aadaa hojii 24/7 bu’uureffachuun akka hojjetamuus mirkaneessaniiru.

Finfinneen magaalaa jireenyaaf mijattuufi kabaja jiraattota ishee eegdu akka taatu gochuu, akkasumas bu’uuraalee misoomaa bal’aa fi qulqullina qaban ijaaruun dhimma xiyyeeffannoo guddaa argatu ta’uu ibsaniiru.
Kutaalee magaalattii misoomaan akkaataa barbaadamuun hin dhaqqabiin akka dhaqqabamuu kan ibsan Aadde Adaanech deebisanii misoomsuun tajaajila barbaachiisu kanneen akka bishaan dhugaatii qulqulluu, daandii, sirna dhangala’aa fi balfa dhabamsiisuu, geejjibaa fi mana jireenyaa argamsiisuu, akkasumas giddu gala fayyaa ammayyaa babal’isuu irratti xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru.
Kana malees, damee dhuunfaa jajjabeessuu, turizimii fayyaa guddisuu, sagantaa kunuunsa daa’immummaan duraa cimsuufi qulqullina barnootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon akka kennamus Kantiibaa Adaanech addeessaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa isaaniitiin kan dabe qajeelchuun, waan hir’ate guutuun, uummata keenya iftoominaan ni tajaajilla jechuun dubbataniiru.