Irreechaa Waliigalatee Biyyaaleessaatiif”
Irreechi Ayyaana Eebbaa fi arjummaa Uumaa itti galateeffatamu, kakuun umaa wajjin itti haareffamu, Ayyaana nagaa, jaalala, araaraa fi tokkummaati.
Ayyaanni Irreechaa dukkanaa fi hurrii gannaa keessaa gara birraa dibataa fi daraaraa Birraatiin ce’uu kan agarsiisudha.
Magaalaan keenya Ayyaana Irreechaatiin faayamtee, damee turizimii guddisuu fi keessummoota simachuuf yeroo kamiyyuu caalaa mijattuu, mallattoo nagaa fi miidhaginaa ta’uudhaan gammachuudhaan dinagdee Ishee daddamaqsuu egaltee jirti.
Ayyaanni kun”Irreecha Waliigaltee Biyyaaleessaatiif”mata duree jeedhuun haala ho’aa fi miidhagaa ta’een akka kabajamuuf, magaalaan keenya Finfinneen qophiilee aartii,konsertoota, mareewwan paanalii, dorgommiilee Ispoortii, feestivaalota, agarsiisa footoo fi kkf qopheessuudhaan Ayyaanichi haala adda ta’een akka kabajamu gochaa jirti.
Dabalataaniis jiraattonni magaalaa keenyaa fakkeenyummaadhaan keessummoota kabajamoo kutaalee biyya garaa garaa fi biyya alaati dhufan simachuuf qophii isaanii xumuranii, tumsa fi simannaa Olaanaa irratti argamu.
Kanaafuu, ayyaanni kun kan hundi keenya ittiin Miidhagnuu, Magaalaa keenyaaf hawwata turizimii Filatamtuu fi miidhagiina ishee addunyaaf kan calaqqisiisu Ayyaana addaati.
Ayyaanni dinqisiisaa kan waliinii keenya ta’e kun, jiraattonni magaalaa keenya hundi aadaa simannaa fi keessummeessuu ol’aanaa gochaan agarsiisuudhaan, obboloota keenya naannoo garaa garaarraa dhufan kabajaan simachuu, jaalalaa fi miira tokkummaa ol’aanaadhaan haala oo’aan akka kabajamu waamicha koo kabajaan dhiyeessa.
Waaqayyoo Itoophiyaa fi ummata ishee haa eebbisu!