Ayyaanni Irreechaa Bara Kanaa waa maraan guutuu ture – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Ayyaanni Irreechaa Bara Kanaa waa maraan guutuu ture – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Fulbaana 23/2019

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee bara kanaa duudhaa fi aadaa isaa eegee, nagaa, gammachuufi miidhagina addaa qabuun kabajamee xumuramuu ibsaniiru.

Irreechi mallattoo galataa, nagaa, jaalalaa fi tokkummaa isa lubbuun jiraatuudha! Duudhaa Oromoo ta’uu bira darbee, ayyaana saboonni garaagaraa jaalalaafi obbolummaadhaan itti wal argan, akkasumas duudhaa waliin jireenyaa fi wal danda’uu itti calaqqisiisaniidha.

Duudhaalee Irreechaa hojii qabatamaatti jijjiiruun, humnoota keenya qindeessinee fi tokkummaa keenya cimsinee, nageenya Itoophiyaa, waliigaltee biyyaalessaa fi badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf waliin haa hojjen nu!

Ayyaanni kun nagaa fi milkaa’inaan akka xumuramuuf kanneen gumaacha gootan hundaaf, keessumaa jiraattota Magaalaa Finfinnee keessummoota karaa garaagaraatiin dhufan safuu fi naamusa Itoophiyaatiin, jaalalaan simattanii keessummeessitaniif, Abbootii Gadaa, Haadha Siinqee, Foollee, qaamolee nageenyaa fi hoggantoota keenyaaf, maqaa kootii fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin galata guddaa isiniif qaba.

Irreechi waliigaltee biyyaalessaaf! Irreechi nageenyaaf, tokkummaafii waliin jireenyaaf!

Waqayyoo Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!

Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee!

Finfinnee!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply