AMN PLUS – Fulbaana 23/2019
Irreechi Hora Finfinnee bakka hoggantootni hojii mootummaa olaanoo, sabootniifi sablammootni, keessummoonni biyya keessaa fi alaa akkasumas Turistoonni hedduun kan irratti hirmaatan mata duree ‘Irreechi Waliigaltee Biyyaalessaaf’ jedhuun akkaataa duudhaa isaatiin kabajamee xumuramuu Humni Waloo Nageenyaa Finfinnee ibseera.
Ayyaanichi duudhaafi aadaa isaa eeggatee, bifa miidhagaa fi guutummaatti nagaa ta’een akka kabajamuuf, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Foolleewwan, jiraattotni Magaalatti akkasumas qaamoleen bulchiinsaa sadarkaa sadarkaan jiran gumaacha taasisaniif; akkasumas hoggantootaa fi miseensota dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahataniif Humni Waloo Nageenyaa Magaalattii galata dhiyeesseera.
Guyyaa boruus magaalaa Bishooftuutti Ayyaanni Irreechaa Hora Harsadee kabajamu nagaan akka xumuramuuf, dhaabbileen nageenyaa qophii isaanii xumuranii hojiitti bobba’uu Humni Waloo Nageenyaa Finfinnee ibseera.
Humnichi kanaafis uummanni caasaalee nageenyaa waliin tumsa isaa yeroo hunda caalmaatti cimsuun akka itti fufu waamicha dhiyeessera.