Abiyyi Ahimad (PhD) Ministira Muummee FDRI Ta’uun Irra Deebiin Itoophiyaa Akka Dursaniif Filaman!

You are currently viewing Abiyyi Ahimad (PhD) Ministira Muummee FDRI Ta’uun Irra Deebiin Itoophiyaa Akka Dursaniif Filaman!

AMN PLUS – Fulbaana 26, 2019

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) filannoo uummataan waggoota shanan dhufaniif Ministira Muummee ta’uun Itoophiyaa akka gaggeessaniif filaman.

Filannoo Waliigalaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffameen Paartiin Badhaadhinaa sagalee caalmaa argachuun akka injifate mirkanaa’uun ni yaadatama.

Sirna hundeeffama mootummaa haaraa FDRI fi yaa’ii jalqabaa Manneen Maree lamaanii har’a gaggeeffameenis Paartiin Badhaadhinaa Dooktar Abiyyiin kaadhimamaa Ministira Muummee gochuun Mana Mareef dhiyeesseera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataas muudama isaanii raggaasisuun Dooktar Abiyyi sirna kakuu raawwataniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Bitootessa bara 2010 kaasee Itoophiyaa Ministira Muummee ta’uun Itoophiyaa dursaa jiru.

Tagany Bafiqaaduutiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply