Itoophiyaan jijjiirama naannawaa Gaanfa Afrikaa keessatti qooda olaanaa qabdi,Fayyadamummaan ishees qixa sana tahuu qaba – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Itoophiyaan jijjiirama naannawaa Gaanfa Afrikaa keessatti qooda olaanaa qabdi,Fayyadamummaan ishees qixa sana tahuu qaba – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Fulbaana 26/2019

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Yaa’ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa gaggeessaa jiruun Dooktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee FDRI taasisuun muudeera.

Dooktar Abiyyi Ahimad irra deebiin Ministira Muummee FDRI tahuun erga muudamanii sirna kakuu raawwachuun haasawaa taasisaniiru.

Ministirri Muummichaa haasawaa isaanii keessatti Itoophiyaan jijjiirama naannawaa Gaanfa Afrikaa keessatti guddaa guddaa qabaachuufi kan itti aanuuf qophii tahuus ibsaniiru.

Biyyoonni Gaanfa Afrikaa, Galaanni Diimaa fi Garbi Hindii xiyyeeffannoo addunyaa bal’aa argachaa kan jiran yoo ta’u, Itoophiyaan immoo naannawaa Baha Afrikaa, Galaana Diimaa fi Garba Hindii walitti fidu keessatti argamuun carraa fi qormaata addaa kan qabu ta’uus Dooktar Abiyyi dubbataniiru.

Keessattuu, daldalli oomishaalee boba’aa naannawichaan darbuu fi naannoon Gaanfa Afrikaa yeroo waraaqsa indaastirii addunyaarraa eegalee biyyoota gurguddoo biratti xiyyeeffannoo olaanaa argachaa turuu isaas yaadachiisaniiru.

Xiyyeeffannoon biyyoota gurguddoo addunyaa naannawichaaf qabanis biyya Itoophiyaa irraa adda bahuun ilaalamuu akka hin qabnes himaniiru.

Itoophiyaan yeroo dheeraaf daandiiwwan galaanaa fayyadamuun daldalaa fi sochii ishee galaana Diimaa hanga garba Hinditti galaana Meeditiraaniyaani hanga garba Atilaantikitti gaggeessaa akka turtes ibsaniiru.

Haa ta’u malee, osoo Itoophiyaan sirriitti itti hin qophaa’in ulaa galaanaa ittin baatee galtuu cufamuun qormaata jala akka turtes yaadachiisaniiru.

Yeroo addunyaan bifa haaraa qabaachuuf adeemaa jirtu kanatti biyyoonni jijjiirama kana hubachuun dandeettii fi humna ofii isaanii ijaarratan injifachuu akka danda’an Dooktar Abiyyi dubbataniiru.

Itoophiyaanis, naannawichatti wixirfannaa fi wal-dorgommiin dabalaa jiru kanatti mootummaa haaraa hundeessuun jijjiirama jalqabame itti fufsiisuun mul’ata qabame galmaan ga’uuf qophii taasisaa akka jiru ibsaniiru.

Dhiibbaan adda addaa jiraatus, Itoophiyaan jijjiirama ishee itti fufsiisuun mul’ata qabame milkeessuuf murannoofi qophii barbaachisu qabaachuu Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ifoomsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

#Itoophiyaa#BiyyaGuddoo!Uummata Guddaa!Mul’ata Guddaa!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply