Itoophiyaan guddina itti fufiinsa qabu galmeessuuf kutannoon hojjechaa jirti – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Itoophiyaan guddina itti fufiinsa qabu galmeessuuf kutannoon hojjechaa jirti – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Fulbaana 26/2019

Diinonni Itoophiyaa guddinni fi jijjiiramni biyyattii eessaa ka’ee gara eessaatti akka geessu hubachuun, guddina ishee irraa inaaffaa guddaa qabaachuu isaanii Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Itoophiyaan haala amma keessa jirtu kanaan yoo itti fuftu, guddina fi dandeettii ishee dabaluun fedhii gareewwan tokko tokkoo waan jalaa fashalaa’eef sodaan isaanii itti hammaataa akka dhufe Dooktar Abiyyi himaniiru.

Kana irraa ka’uun, diinoonni Itoophiyaa akka harkaa baate kan hubatan raasasa xumuraa dhukaasuun daandii badiinsa mirkaneeffataa jiru.

Ergamtoonni alaa fi keessaa qindoomina uumuun Itoophiyaa irratti ka’anii, biyyattii dadhabsiisuu fi daandii guddinaa ishee gufachiisuuf carraaqqii hedduu taasisaa turuus himaniiru.

Itoophiyaa irratti yaaliin karaa gara garaatiin taasifamaa turu kan himan Dooktar Abiyyi, gareedhaanis ta’e dhuunfaan, miidiyaan, dhiibbaa siyaasaa fi humnaan biyyattii dadhabsiisuuf yaaliin isaanii akka hin mirkanaa’in ibsaniiru.

Osoo diinnii kufaatii Itoophiyaa hawwuu, biyyattiin olkaatee mul’atteerti, osoo dadhabina ishee eeggatanuu cimtee itti fufteerti, osoo diigamuu fi dhumuu ishee eegaa jiranii tokkummaa ishee caalaatti mul’isuu akka dandeesse dubbataniiru.

Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa keessatti biyya guddoo ta’uu qofa osoo hin taane, dhimmoota naannichaa irratti gahee murteessaa qabaachuun fedhii ishee humna isheetiin mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtus Dooktar Abiyyi dubbataniiru.

Dabalataanis, Itoophiyaan olola qofaan kan bultu osoo hin taane, birmadummaa fi bilisummaa ishee kabachiisuuf wareegama kaffalaa turteen injifannoo kan qabdu, gara fuulduraattis daandii ofii ishee filatteen fedhii fi mul’ata ishee galmaan ga’uuf murannoo qabaachuu ishee kan mirkaneessitu ta’uus ifoomsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply