AMN PLUS – Fulbaana 28/2019
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad muudamoota garaagaraa kennuun miseensota Kaabinee isaanii ifoomsaniiru.
Dooktar Abiyyi Ahimad muudamoota garaagaraa erga kennaniin booda ergaa dabarsaniin gaggeessummaan yeroo mara barataa tahuudha jedhaniiru.
Gaggeessummaan yeroo hundaa mana barnootaa oolu tahuu kan kaasan Dooktar Abiyyi imala gaggeessummaa keessatti si’oomina qabaachuu, haalota jijjiiramaa deeman dursan tilmaamamuufi yaada furmaataa qabaachuun of-qopheessuun murteessaadha jedhan.
Muudamni kenname imaanaa uummattoota Itoophiyaa warreen sagalee isaanii kennuun nu filatanii galmaan gahu akka tahes hubachuun nurra jiraataas kaasuun taayitaan qoophiidha malee sammuuu miti jechuunis ibsaniiru.
Kunis yoo ittin hin hojjenne akka qoophiitti kan nurraa bahu taahu hunduu quba qabaachuun akka nurraa hin baaneef cimnee hojjechuun uummata garaa ciibsuu qabna jechuun Dooktar Abiyyi miseensota Kaabinee isaanii yaadachiisaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin
#Mul‘ataGuddaa
#MootummaaIda‘amuu