AMN PLUS – Fulbaana 30/2019
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) warshaa Albuudoota gati jabeeyyii calalu hojii eegalchiisuu ibsan.
Dooktar Abiyyi ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Warshaa calaltuu Albuudoota gatii jabeeyyii Biyyaalessaa Invastimanti Hooldingii Itoophiyaa fi Saam Pireeshiyaas Meetaalisi gidduutti Naannawaa zoonii diinagdee addaa Boolee Lammiitti ijaarame hojii eegalchiisaniiru.
Warshichi waggaatti albuudota gatii jabeeyyii toonii 600 ol calaluu kan danda’u yoo ta’u, oomisha biyya keessaa irratti gatii dabalataa uumuuf, damee albuudaa Itoophiyaa cimsuuf, akkasumas Itoophiyaa damee calallii albuudota gatii jabeeyyiitiin wiirtuu naannawaa taasisuuf adeemsa jalqabame keessatti tarkaanfii guddaa akka tahe Dooktar Abiyyi ibsaniiru.

Pirojektiin kun qabeenya uumamaa keenya dandeettii industirii waliin walitti hidhuudhaan galii al-ergii guddisuuf, carraa hojii ogummaa irratti hundaa’e uumuu, industirii faayaalee deeggaruu, akkasumas cancala gatii warqee iftoominaafi dorgomtummaa olaanaa qabu ijaaruuf kutannoo Mootummaa Ida’amuu agarsiisa jedhaniiru.
Dooktar Abiyyi ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Albuuda baasuu irraa kaasee hanga industiriitti ce’uutti, biyya keenya keessatti gatii dabalataa olaanaa uumuu irratti argamna jedhaniiru.
#Mul‘ataGuddaa