AMN PLUS – Onkoloolessa 2/2019
Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa baga Guyyaa Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaa geessanii dabarsaniiru.
Obbo Tamasgeen ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Alaabaan keenya wareegama seenaa abbootii keenyaa kan nu yaadachiisu, dhamaatii keenya har’aa kan calaqqisisuu fi mul’ata badhaadhinaa egeree kan mul’suu mallattoo olkaa’insa Itoophiyaati jedhan.
Xiyyeeffannoon Mootummaa Ida’amuu olaanaan tokkummaa Itiyoophiyaa, nageenya, misoomaa fi badhaadhina hunda galeessaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuudha jechuunis ibsaniiru.
Alaabaan keenya ibsituu tokkummaa Sabdaneessummaa malee madda garaagartee ta’uu akka hin qabnee kaasanii, sabaan, afaaniin, aadaa fi amantaan garaagar taanuus, Itoophiyummaafi mul’ata misoomaa waloo keenyaan tokko jedhan.
Yaadamni Mootummaa Ida’amuus garaagarummaa keenya akka qabeenyaatti lakkaa’uu, duudhaa waloo keenya cimsuun tumsaan guddummaa biyya keenyaa qabatamaatti hojii irra oolchuuf nu kakaasaas hubachiisaniiru.
Guyyaa biyyaalessaa guddaa kanatti, Alaabaa keenya olkaasnee mirmirsuun, tokkuummaa, nageenya, birmadummaafi badhaadhina biyya keenyaaf kutannoo qabnu qabatamaatti ni mirkaneessinas jechuun Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa dabarsaniiru.
#Mul‘ataGuddaa