AMN PLUS – Onkololeessa 03/2019
Gareen seeraan alaa TPLF biyya isaanii Itoophiyaa gananii gama diina erga hiriiranii waggoonni hedduun lakkaa’amaniiru. Shaabiyaa fi Ijipt warra gantoota simatan, halkaniifi guyyaa Itoophiyaa jeequuf warra hojjetanidha.
Odeeffannoowwan dhiheenya kana ba’an akka agarsiisanitti, humnoonni Itoophiyaa ganan TPLF fi Shaabiyaan, ummata qofaan osoo hin taane, Fara’oonotaanis ganamaa jiru.
Keessumaa, Shaabiyaan ummanni Eertiraa obboloota isaarraa akka adda ba’u kan godhe, karoora dhokataa fi fedhii Fara’oonotaa raawwachuuf malee, gaaffii ummanni Eertiraa misoomaa fi nageenyaaf qabu deebisuuf miti.
Gareewwan lamaan TPLF fi Shaabiyaan waggoota dheeraaf maqaa sabummaa daldala siyaasaa isaanii keessatti fayyadamaa turan. Haa ta’u malee, saboota isaanii osoo hin hafin waggoota dheeraaf cunqursaa, hiyyummaa fi duubatti hafummaa keessa galchaniiru.
TPLF ummata Tigraay obboloota isaa irraa adda baasuuf seenessa odeeffannoowwan gar-tokkee fi sobaa waggoota dheeraaf barsiisaa ture.
Akka xiinxaltoonni siyaasaa tokko tokko ibsanitti, Shaabiyaa fi gareen TPLF Itoophiyaa fi eenyummaa Itoophiyaaf jibba cimaa qabu. Yaadni isaanii immoo ilaalcha finxaalessummaa fi sanyummaa irraa kan madduudha.
Ummanni Tigraay, yaada qoqqoodinsaa fi sanyummaa TPLF’n babal’ifameen osoo tokkummaa isaa hin diigin, eenyummaa Itoophiyaa isaatiin cimsee dhaabbateera. Har’as Itoophiyaa cimsuu keessatti gahee isaa bahachaa jira.
Ummattoonni Eertiraa kumaatamaan lakkaa’aman cunqursaa fi dararaa Shaabiyaa dandamachuu dadhabuun gara Itoophiyaa baqatanii dhufanii jireenya nagaa jiraachaa jiru. Kunis kabajaa fi jaalala cimaa Itoophiyaa fi eenyummaa Itoophiyaaf qaban irraa kan maddeedha.
Humnoonni lamaan ummatoota Itoophiyaa fi Eertiraa biratti gantoota jedhamanii ilaalaman kun, siyaasa Gibxii fi maallaqa doolaara hedduutiin gowwoomfamanii, ummata isaanii hiyyummaa fi nageenya dhabuu hamaaf saaxilaniiru. Kanaafis fakkeenya gantummaa bara keenyaa ta’aniiru.
Fara’oononni kufaatii, miidhaa fi diigamuu Itoophiyaa arguun gammadu; guddinni yookaan kufaatiin Eertiraa garuu isaan biratti hiika hin qabu.
Isaayaas Afawarqi maallaqa doolaaraa hedduu harka Gibxii irraa kan fudhatu qamadii bituun ummata Eertiraa sooruuf osoo hin taane, meeshaalee waraanaa bituun ummata Itoophiyaa irratti waraana banuuf akka ta’e ibsi kun ni hima.
Mootummaan Kaayiroo doolaara biliyoonaan lakkaa’amu Shaabiyaa fi TPLF’f kan ramadu, misoomaa fi guddina Itoophiyaa gufachiisuuf malee, magaalaa Asmaraa yookaan Maqalee bareechuuf miti.
Humnoonni finxaalessaa lamaan kun ergama badiisaa Fara’oonotaa raawwachuuf, Itoophiyaan karra galaanaa akka dhabdu, gama siyaasa-teessuma lafaan hidhamtee akka teessu, akkasumas dinagdeen ishee akka hin guddanne gufuu ta’uun gantummaa isaanii agarsiisaniiru.
Gantuu Isaayaas Afawarqi, gara Kaayiroo deddeebi’uun karoora badiisaa Fara’oonotaa fudhatu, tumsa “Tsimdo” jedhame uumuudhaanis, dhimma sabummaa fi amantii ka’umsa godhachuun lubbuu lammiilee nagaa hedduu balleessuudhaan gantummaa isaa ifatti mul’iseera.
TPLF’n, kan Shaabiyaa irraa akka dhalate ibsamu, ergama badiisaa Shaabiyaa fi Gibxii raawwachuuf waraana biraa mootummaa federaalaa irratti ammas bane.
Pirojektiin Hidha Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa akka milkoofneef, karoora dhokataa adda addaa raawwachuudhaanis gantummaa isaa mirkaneesseera.
Akkasumas, lafa fi albuuda dabalatee qabeenya uumamaa fi qabeenya gatii guddaa Itoophiyaa ta’e ifatti saamuudhaan yakka seenaa keessatti hin dagatamne raawwateera.
TPLF’n ergama Gibxii fi Shaabiyaa raawwachuuf tumsa “Tsimdo” jedhame uumuudhaan, dhiheenya kana Itoophiyaa irratti waraana banuu isaa hordofee, gootichi Raayyaan Ittisa Biyyaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojii irra jira. Ummanni naannichaa tarkaanfii fudhatame kanaan gammachuu isaa ibsachaa jira.
Hidhattoonni humnoota lamaan kanaa hedduunis garbummaa Gibxii jala jiraachuun nu ga’eera jechuun Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka kennachaa jiru.
Odeeffannoowwan dhiheenya kana ba’an akka agarsiisanitti, humnoonni Itoophiyaa jibban lamaan kun ummata qofaan osoo hin taane, Fara’oonotaanis ganamaa jiru.
Fara’oononni Shaabiyaa fi TPLF waliin kan michooman, humnoota bakka bu’anii waraananitti fayyadamuudhaan Itoophiyaa irratti waraana akka bananiif ture. Amma garuu humnoonni lamaan kun ergama badiisaa Gibxii raawwachuuf dandeettii fi humna barbaachisu hin qaban.
Kanaafuu, Fara’oononni Isaayaas Afawarqi fi hoggantoota Tsimdo irraa fuula isaanii garagalchaa akka jiran dubbatamaa jira.
Hoggantoonni Shaabiyaa, TPLF fi Tsimdo, kan ummatoota Itoophiyaa fi Eertiraa biratti gantootaa fi ergamtoota Gibxii jedhamanii ilaalaman, bakka itti deeman dhabaa akka jiran ibsamaa jira.
Wandimmaagany Asaffaatiin qindaa’e
#Mul’ataGuddaa
#MootummaaIda’amuu