AMN PLUS – Onkoloolessa 04/2019
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, hojiileen yeroo itti aanutti hojjetaman lakkoofsan qofa kan madaalaman osoo hin taane bu’aa qabatamaa uummataaf argamsiisanin ta’uu akka qabu hubachiisan.
Bulchiinsi magaalatti raawwii hojii kurmaana jalqabaa bara baajataa 2019 qorate irratti kallattii hojii gara fuulduraa kan kennan Aadde Adaanech Abeebee safartuun hojii hojjennu hangam jiraattota keenya fayyade kan jedhu tahuu akka qabu ibsaniiru.
Baay’ina hojiilee raawwatamanii akka bu’aatti dhiyeessuun gahaa miti kan jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee, sirni madaallii raawwii hojii fooyya’aan hojiiwwan hojjetaman uummataaf faayidaa akkamii akka argamsiisee, akkasumas namoonni meeqa tajaajiloota kennaman irraa fayyadamoo akka ta’an kan of keessatti hammatuu ta’uu akka qabu himaniiru.
Qaamoleen mootummaa sadarkaa hundarra jiran ji’oota sadan itti aananiif galma hojii ifa ta’e kaa’uu akka qaban akeekuun, eenyutu hojii akkamii akka hojjetu, hojiiwwan sun yoomii fi akkamitti akka raawwataman, akkasumas galteewwan barbaachisan maal akka ta’an dursanii ifatti murtaa’uu akka qabanis ifoomsaniiru.
Dabalataanis, hojiiwwan karoorfaman yoo hin raawwatamne ykn hanqinni yoo uumame, sababa isaa adda baasuun qaama itti gaafatamummaa qabu ifatti murteessuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Qaamni hanqinaaf itti gaafatamu eenyu akka ta’e, itti gaafatamummaan isaa akkamitti akka mirkanaa’uufi hanqina uumame furuuf tarkaanfiin akkamii akka fudhatamu kan ibsu karoorri bal’aanis qophaa’uu akka qabu Kantiibaa Adaanech akeekkachiisaniiru.
Madaallif akka mijatu ulaagaaleen walfakkaataan qophaa’uun qaamolee hundaaf sanadoonni qajeelfamaa fi deeggarsi sadarkaa hundatti akka raabsamanis ibsameera.
Guyyoota 90 itti aanan keessatti dameewwan xiyyeeffannoo addaa barbaadan bu’uura taasifachuun , qaamoleen hundi hojii isaanii sirnaan lakkaa’anii karoorsuun bu’aa qabeessummaan akka raawwatan Kantiibaa Adaanech Abeebee dhaamaniiru.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e
#Mul‘ataGuddaa