Finfinneen Magaalota Afrikaaf Fakkeenya ta’aa jirti – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Finfinneen Magaalota Afrikaaf Fakkeenya ta’aa jirti – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Onkoloolessa 04/2019

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee har’a magaalattiin yeroo lammaffaaf Fooramii Hoggantoota Bara 2026, kan Inisheetiivii Hoggansa Kantiibota Magaalota Afrikaa qopheessuun hirmaattota simanneerra jedhan.

Aadde Adaanech waltajjiin kun muuxannoo waljijjiiruuf, waliirraa barachuuf akkasumas imala jijjiiramaa magaalaan Finfinnee keessa jirtu hirmaattotaaf qooduuf carraa gaarii uumeera jechuun toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru.

Imalli jijjiiramaa magaalaa keenyaa ilaalcha fagoo Ministira Muummee, Dooktar Abiyyi Ahimadiifi mul’ata inni magaalaaf kaa’een kan qajeelfamedha.

Mul’ata kana bu’aawwan misoomaa qabatamaa ta’anitti jijjiiruu irratti argamnaas kaasaniiru.

Hojiiwwan geejjibaa, misooma manneen jireenyaa, tajaajiloota teeknooloojiin deeggaraman akkasumas ijaarsa dhalootaa irratti hojjechaa jirruun fayyadamummaa jiraattota keenyaa mirkaneessaa jirras jedhan.

Dandeettii faayinaansii fi beekumsa mataa keenyaa irratti hundaa’uun hojjechaa waan jirruuf, muuxannoon Finfinnee magaalota Afrikaa fi addunyaa biroof barumsa barbaachisaa ta’e kennaa, carraawwan misoomaa haaraas agarsiisaa jiraachuun nu gammachiisa jedhan Kantiibaa Adaanech.

Keessumaa, Finfinnee keessatti daa’imman guddisuuf magaalaa filatamtuu Afrikaa taasisuuf kutannoo cimaa qabnu hojiidhaan agarsiisaa jirraas kan kaasan Aadde Adaanech hojiiwwan misooma kunuunsa daa’immummaan duraa (ECD) irratti xiyyeeffatan cimsuun nageenya, barnootaafi jireenya gara fuulduraa daa’immanii ajandaa misooma magaalaa keenyaa keessatti wiirtuu taasifneerra jedhan.

Hoggantoota Inisheetiivii Hoggansa Kantiibota Magaalota Afrikaa (AMALI) fi hirmaattota fooramichaa waliin ta’uun, wiirtuu kunuunsa daa’immanii addatti magaalaa keenya keessatti ijaaramee fi yaadannoo Kabajamtuu Liizaa Diyeegoo, isheen sagantichaaf gumaacha olaanaa taasistee, jedhamuun moggaafame eebbisuun tajaajilaaf banneerras jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee milkaa’ina sagantichaaf kanneen gumaacha olaanaa taasisan hundas galateeffataniiru.

‎#BiyyaGuddoo

#Uummataguddaa

#Mul‘ataGuddaa

#የመደመርመንግሥት

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply