AMN PLUS – Onkololeessa 06/2019
Itoophiyaan Sagantaa Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii mata duree “ 100 Women Heroes” jedhuun qopheesse irratti beekamtii argatteetti.
Sagantichi Waajjira Muummee Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii Xaaliyaanii magaalaa Roomitti argamutti gaggeeffameera.
Saganticharratti lammiin Itoophiyaa Aadde Sannaayit Gazzahaany qonnaafi sirna nyaataa cimsuuf, misooma baadiyyaa guddisuu dabalatee jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf qooda bahataniif badhaasaafi beekamtii argataniiru.
Beekamtiin idil-addunyaa kun dubartootni Itoophiyaa qonnaafi sirna nyaataa, misooma baadiyyaafi jijjiirama hawaasaa irratti qooda qaban kan agarsiisu ta’uu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
Aadde Sannaayit Gazzahaany jiraattuu naannoo Gambeellaa aanaa Mangash ganda Kumii yoo ta’an, qonnaan bultuu moodela intarpiraayizoota oomisha bunaafi horsiisa beelladaa gurmeessuun biiznasii qonnaa Birrii Miliyoona 8’tti tilmaamamu kan hundeessan tahuun ibsameera.
#Mul‘ataGuddaa