AMN PLUS – Onkoloolessa 06/2019
Finfinneen waggoota darban keessatti bifa magaalattii jijjiiruun jiraattotaaf mijattuu taasisuuf hojii bal’aa hojjechaa turteen bu’aa qabatamaa argamsiisteetti.
Magaalattiin bu’uura “Magaalaa daa’imman giddu galeessa taasifattee, hundaaf mijattuu” jedhuun hojii misoomaa raawwachuun biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya gaarii taatee jirti.
Daawwannaan kantiibota magaalota Afrikaa Finfinnee keessatti taasisan hojiilee misoomaa fi jijjiiramaa magaalattii keessatti hojjetaman hubachuuf carraa bal’aas uumeera.
Finfinneen waltajjii kantiibota magaalota Afrikaafi hoggantoota olaanoo hojii isaanii walitti fidu yeroo lammaffaaf haala ho’aa ta’een keessummeessitee jirti.
Daawwattoonnis hojiilee misoomaa magaalattii keessatti raawwataman daawwachuun muuxannoo fi bu’aa argaman kallattiidhan hubachuu danda’aniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daa’immanii fi dhaloota egereetiif mijattuu taasisuuf hojiilee kalaqaa fi fakkeenya ta’an hedduu raawwachuurratti argamu.
Hojiilee kana keessaa tokko barattoota miliyoona tokkootti dhiyaataniif guyyaatti yeroo lama nyaata dhiyeessaa kan jiran yoo ta’u, kunis hanqinni nyaataa barattoota barnoota isaanii irraaa akka hin gufachiisne gargaareera.

Keessattuu, maatiiwwan galii gadi aanaa qaban ijoollee isaanii yaaddoo nyaataa malee gara mana barumsaa akka ergan deeggarsa guddaa taasiseera.
Dabalataanis, daa’imman naannoo nageenya qabu, kunuunsa ga’aa fi haala barnootaaf mijatu keessatti akka guddatan taasisuuf dhaabbileen barnootaa qulqullina qaban ijaaramaniiru.
Finfinneen jireenyaaf haala mijataa fi hawwataa ta’ee uumuuf paarkiiwwan, iddoowwan daa’imman itti taphataniifi giddugaloota kitaabonni itti dubbifaman garaagaraa ijaaruu irratti xiyyeeffachuun hojiilee bal’aan hojjetamaniiru.
Iddoowwan kunneen daa’imman guddina sammuu fi qaamaa akka argatan deeggaruu bira darbee maatiiwwaniifis bakka bashannanaafi boqonnaaf mijataa ta’ee uumuu danda’aniiru.
Hojiileen misooma hawaasummaa fi namoomaa Finfinneen hojjechaa jirtu kun magaalota Afrikaa biroofis muuxannoo gaarii akka irraa barataniif gargaareera.
Kunis biyyoonni Afrikaa muuxannoowwan milkaa’oo guddina, kunuunsaafi nageenya daa’immanii mirkaneessan wal irraa baratanii gara biyyoota isaanii keessatti hojii irra akka oolchaniif carraa bal’aa kan uume ta’uu eerameera.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e
#Mul‘ataGuddaa