AMN PLUS – Onkoloolessa 06/2019
Finfinneen hojiiwwan milkaa’oo Misooma Kunuunsa Daa’immumman duraa irratti hojjetteen magaalota Afrikaa fi addunyaa biroof wiirtuu muuxannoo ta’uu akka dandeesse hirmaattonni Fooramii Inisheetiivii Kantiibota Magaalota Afrikaa ibsan.
Finfinneen Fooramii Inisheetiivii Kantiibota Magaalota Afrikaa keessummeessiteetti.
Fooramichaan, tumsa giddu gala Magaalota Afrikaa, Big Win Philanthropy fi Bloomberg Philanthropies waliin hundaa’een Finfinneetti hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuun akka danda’ame ibsameera.
Xumura fooramichaa irratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee hirmaattota fooramichaa waliin ta’uun giddu gala kunuunsa daa’immanii haala addaan ijaarame eebbisuun hojii jalqabsiisaniiru.
Dura Taa’aan Dhaabbata Big Win Philanthropy Jaamii Kuupper, Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti daa’imman Afrikaa guddisuuf magaalaa filatamtuu ta’uu ishee baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis, hoggansa cimaa Kantiibaa Adaanech Abeebeetiin hirmaannaan daa’imman manneen barnootaa keessatti qabaniifi hubannaan isaanii sadarkaa olaanaan dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Akkasumas, Zaambiyaa, Keeniyaa fi Taanzaaniyaan muuxannoo Finfinnee fudhatanii hojiirra oolchuu jalqabuu isaanii eeraniiru.
Afrikaa Kibbaa, Yuunivarsiitii Keeptaawoon irraa kan dhufan Pirofeesar Edgaar Piitarsoon, yeroo gabaabaa keessatti haala guddinaa fi kunuunsa daa’immanii jijjiiruuf milkaa’inni galmaa’e dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru.
Muuxannoo kana gara Afrikaa Kibbaatti geessuun hojiirra akka oolchanis dubbataniiru.
Kantiibaan Magaalaa Kaaseelii, Gaanaa irraa kan dhufan Al-Haajii Aadam Abuubakar Taakuroo, yeroo gara biyya isaanii deebi’anitti bu’uuraalee misoomaa Finfinnee keessatti argan dinqisiisoo ta’an hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.
Barsiisaa Yuunivarsiitii Toorontoo, Kaanaadaa irraa kan dhufan Gooyip Pireeshar, waggaa 21 dura Finfinnee daawwachuu isaanii yaadachuun, jijjiirama saffisaa fi dinqisiisaa magaalattiin yeroo gabaabaa keessatti agarsiiste sadarkaa addunyaatti magaalota beekamoo ta’an keessaa akka ishee taasise ibsaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e
#Mul‘ataGuddaa