
AMN PLUS – Onkoloolessa 09/2019
Gaanfi Afrikaa naannawaa tarsiimawaa teessuma lafaa siyaasaa addunyaa keessatti iddoo murteessaa waan ta’ef, saamicha galaanaa irraafi fedhii humnoota alaa balaa nageenyaaf yaaddoo ta’eef kan saaxilameedha.
Haala kana keessatti, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa birmadummaa biyya isaa eeguu bira darbee nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.
Fooyya’iinsa dhaabbataa fi teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun dandeettiin waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa kan guddate yoo ta’u, odeeffannoo teeknooloojii , tooftaalee waraanaa ammayyaa fi hubannoo namtolcheetiin qindeessuun balaa nageenyaa dursee adda baasuu fi ittisuu keessatti dandeettii isaa cimsuun danda’ameera.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ergama nageenya eegsisuu keessatti, keessattuu Sudaan, Somaaliyaa fi biyyoota naannichaa biroo keessatti gahee bahateen beekamtii sadarkaa Afrikaa fi idil-addunyaatti argateera.
Ciminni waraanaa nageenya biyyaa mirkaneessuun dinagdee biyyaatifis utubaa guddaadha.
Kanaafuu, pirojektoota tarsiimawaa, kanneen akka Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, balaa keessaa fi alaa irraa eeguun kaayyoo ijaarameef galmaan gahaa akka jirus argaan ijaa ragaadha.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa birmadummaa biyyattii eeguu qofa osoo hin taane, nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa mirkaneessuu, akkasumas misooma dinagdee naannichaa deeggaruu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.
Shuumii Badhaasootiin qindaa’e
#Mul‘ataguddaa