AMN PLUS – Onkoloolessa 10/2019
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD),gaaffii fi deebii EBC waliin taasisaniin, ABUT afaaniin akka waan namooma qabutti lallabus, gochaan garuu kabaja namoomaafi jireenya namaatiif dhimma kan hin qabne ta’uu yeroo adda addaatti raawwii isaatiin mirkaneesseera jedhan.
Yeroo qabsoo ABUT, dargaggoonni Tigraay Fanjiirra ejjetanii akka dhuman taasisaa turuu, qonnaan bultoonni Tigraay dureeyyii ta’an “diina uummataa” jedhamuun boolla keessatti hidhamanii ajjeefamaa turuu, akkasumas miseensonnii fi hoggantoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay hirbaata affeeramanii bakka rafanitti ajjeefamuu isaanii Ministirri Muummee kaasaniiru.
Injifannoo booda illee loltoonni kumaatamaan lakkaa’aman faayidaa hin qaban jedhamuun kabajni isaanii irraa mulqamuun hojii irraa ari’amuu isaanii ibsaniiru.
Injifannoo Baadimmee booda namoonni yaada adda ta’e qaban gareen qoodamuun maatii isaanii waliin akka walitti bu’an taasifamuu eeraniiru.
Akkasumas, erga aangoo federaalaa dhabanii booda bara 2013 waraana keessatti dargaggoonni Tigraay rasaasaan rukkutamuu, hedduun isaanii lubbuu isaanii dhabuufi qaamni isaanii miidhamuu ibsaniiru.
Torban kana keessa illee gochi walfakkaataan raawwatamuu isaa dubbataniiru.
Miseensonni dhaabichaa albuuda saamuun biyyoota alaa keessatti gamoowwan ijaarrachaa akka jiran kan ibsan Ministirri Muummee, yeroo gara Maqalee deemanii ilaalan garuu namoonni qaama miidhamtoota ta’an hiyyummaan rakkachaa jiraachuu isaanii kaasaniiru.

Waggoota saddeet darban Tigraay keessatti hojiin misoomaa tokkollee hojjetamuu dhabuu,hojjechuu caalaa meeshaalee waraanaa fi rasaasa, dabalatee diroonii bituu irratti xiyyeeffatanii turuu ibsaniiru.
Naannolee Itiyoophiyaa biroo keessatti pirojektoonni misooma koridarii yeroo hojjetaman, Tigraay keessatti garuu hojii akkasii arguun kan hin baratamne ta’uu dubbataniiru.
Uummanni Tigraay hongee cimaa keessa osoo jiruu waraana labsuun, daandiiwwanii fi geejjiba qilleensaa cufuudhaan uummata dhiphina lammaffaaf saaxiluu isaanii Ministirri Muummee kaasaniiru.
ABUT yaada “Ani ergan du’ee booda margi hin biqiliim” yaada jedhuun,naannichatti dhaloonni bakka bu’u akka hin jiraanneefi Tigraay akka hin itti fufneef baay’ee carraaqeera jedhan.
Haa ta’u malee, yaadni kun kan fashalaa’eefi gara fuulduraattis akka hin milkoofne amantaa qabaachuu Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin
#Mul‘ataguddaa