Uummatni Tigraay summii qoqqoodinsaa ABUT facaasaa turerraa bilisa bahuun walooma keessatti jireenya itti fufsiisa – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Uummatni Tigraay summii qoqqoodinsaa ABUT facaasaa turerraa bilisa bahuun walooma keessatti jireenya itti fufsiisa – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS – Onkoloolessa 10/2019

‎Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad, naannoo Tigraay keessatti qoqqoodinsi uummataafi dhiibbaan siyaasaa kanaan dura ture akka hin deebineef hojjetamaa akka jiraachuu ibsan.

‎Ministirri Muummee turtii EBC waliin Afaan Tigreeffatiin taasisaniin uummanni Tigraay nagaatti deebi’ee, maatiin ijoollee isaanii waliin akka wal argan, dinagdeen naannichaa fi bu’uuraaleen misoomaa hawaasaas akka haaromfamanif hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.

‎TPLF afaaniin uummataaf waan hojjetu fakkaatus mul’ata ifa ta’e kan hin qabne gareewwan nageenya Itoophiyaatti gufuu ta’an waliin tumsa uumuu biyya jeeqaa akka ture Dooktar Abiyyi kaasaniiru.

‎Keessattu TPLF gootummaa Mootii Yohaannis akka dhaalanitti of haa ibsan malee,diina Mootiin Yohaannis kaleessa biyya irraa qolachaa ture waliin tumsa uumuun deebi’anii biyya keessatti waraana adeemsisaa akka jiranis Ministirri Muummee dubbataniiru.

‎Dabalataanis,gootummaa Aluulaa Abbaa Naggaatiin dhaaddachaa namoota seenaa Aluulaa ganamaa galgala xureessan waliin hariiroo uumuun biyyarratti waraana akka labsan Dooktar Abiyyi himaniiru.

‎TPLF naannoo Tigraay akka dhaabbata dhuunfaa isaatti to’atee turuu kan ibsan Dooktar Abiyyi, haala siyaasaa isaaf mijataa ta’e uumuuf uummata naannichaa Raayyaa, Ashaayee, Aggaamee fi Indartaa jechuun adda addaan qoqqoodaa akka tures ibsaniiru.

‎Ministirri Muummee, qoqqoodinsi akkasii naannoo Tigraay keessatti deebi’ee akka hin mul’annee fi naannichi qabeenya garee tokkoo qofa akka hin taaneef hojjetamuu akka qabus ifoomsaniiru

‎Uummanni Tigraay filannoo yaadaa bal’aa keessatti hirmaachuu fi bilisummaa isaa mirkaneeffachuu akka qabu kan dubbatan Dooktar Abiyyi, bilisummaan naannoo Tigraayis bilisummaa naannolee biroo wajjin walqixa ta’uu akka qabuuf tokkummaa uummataa cimsuuf hojii bal’aan akka hojjetamu dubbataniiru.

‎Dhiibbaan uummata naannichaa irra kanaan dura ture akka dhaabbatuu fi naannolee hundatti walqixxummaan akka mirkanaa’uuf mootummaan hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

‎Uummanni Tigraay nagaan isaa mirkanaa’ee jireenya idilee isaatti deebi’uu, maatiin ijoollee isaanii waliin wal arguu fi dinagdeen naannichaa miidhame akkasumas bu’uuraaleen misoomaa hawaasaa deebi’anii akka ijaaramaniif xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa akka jirus himaniiru.

‎Uummannis qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya naannichaa kabachiisuu akka qaban, namoonni hidhatanii jiranis rakkoo jiru karaa nagaatiin furuuf gara marii dhufu akka qaban Ministirri Muummee waamicha dhiyeessaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

#Biyyaguddoo

#Uummataguddaa

#Mul‘ataguddaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply