Dargaggoota Tigraay Daandiin Gara Jireenyaatti Geessu Qawwee Baachuu Osoo Hin Taane Misooma Biyyaarratti Xiyyeeffachuudha – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Dargaggoota Tigraay Daandiin Gara Jireenyaatti Geessu Qawwee Baachuu Osoo Hin Taane Misooma Biyyaarratti Xiyyeeffachuudha – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS –Onkoloolsssa 10/2019

‎Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad, lolli naannoo Tigraayitti garee seeraan alaa ABUT’n uummatarratti adeemsifamaa ture lubbuu namoota hedduu galaafachuu, qaamaafi xiinsammuu jiraattotaa irratti miidhaa guddaa akka geessise ibsan.

‎Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi turtii Afaan Tigreeffaattiin EBC waliin taasisaniin lola duraanii osoo hin dabalatiin‎ lolli dhiyeenya naannoo Tigraayitti adeemsifamaa ture jiraattota naannichaa irra miidhaa guddaa kan geessise ta’uu dubbataniiru.

‎Keessattuu dinagdee naannichaa laaffisuun oliitti dargaggoonni hedduun lubbuu isaanii itti dhabuun, akkasumas, qaamaan miidhamuun rakkoo xiinsammuu keessa akka galanis himaniiru.

‎Lolli miidhaa malee bu’aa akka hin qabne kan himan Dooktar Abiyyi, dargaggoonni qawwee dhiisanii gara misoomaatti akka deebi’an irra deddeebiin hubachiisaniiru.

‎Lollii irra caalaan isaa miidhaa ilmaan namaa irratti xiyyeeffata kan jedhan Ministirri Muummee, rakkoo lolli fide irraa barachuun dargaggoonni karaa nagaa filachuu akka qabanis ibsaniiru.

‎Dargaggoonni hedduun humnaan ukkaamfamanii gara waraanatti guuramaa turuu isaanii kan eeran Dooktar Abiyyi, gochi kunis lubbuu dargaggootaa balaa guddaaf saaxiluu fi egeree isaanii dukkaneessuu isaa kaasaniiru.

‎Gareen TPLF waggoota 50 ol bulchiinsa Dargii waliin wal lolaa turuu isaa kan yaadachiisan Ministirri Muummee, yeroo ammaa garuu dargaggoota gara waraanaatti erguun aangoo isaanii dheereffachuuf malee faayidaa uummataaf akka hin taane himaniiru.

‎Hoggantoonni garee TPLF ijoollee isaanii biyya alaatti barsiisaa maatii isaanii ammoo Finfinnee jiraachisaa osoo jiranuu dargaggoota naannichaa gara balaa waraanaatti saaxiluun sirrii akka hin taanes dubbataniiru.

‎Gareen TPLF daldala warqee fi ijaarsa gamoo irratti bobba’uun jireenya badhaadhe osoo jiraachaa jiranuu dargaggoonni Tigraay maaliif lubbuu fi qaama isaanii balaaf akka saaxilan gaaffii guddaa isaanitti uumuu akka qabus hubachiisaniiru.

‎Dargaggoonni humna isaanii qawwee baachuuf oolchaa turan barnoota, hojii misoomaa fi ijaarsa biyyaarratti yoo bobba’an, jijjiirama qabatamaa fiduu akka danda’anis ibsaniiru.

‎Kanaaf dargaggoonni lola keessatti lubbuu isaanii balaaf saaxiluu dhiisanii, carraa misooma biyyattii keessatti banamaa jiru fayyadamuun egeree isaanii ijaarrachuu akka qaban Dooktar Abiyyi waamicha taasisaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

#Biyyaguddoo

#Uummataguddaa

#Mul‘ataguddaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply