AMN PLUS – Onkololeessa 10/2019
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Har’a Eeldoreet, Keeniyaatti argamuun kabaja biyyaalessaa Guyyaa Mashujaa (Guyyaa Goototaa) irratti hirmaachuu ibsaniiru.
Dooktar Abiyyi toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniin gootota bilisummaa biyya isaaniitiif qabsaa’anii fi abbaa biyyummaa isaanii kabachiisuuf aarsaa guddaa kaffalaniif kabaja guddaan qaba jechuun ibsaniiru.
Gootota gootummaa isaaniifi dhaala seenaa isaan dhiisanii darbaniif ulfina guddaatuu mala kan jedhan Dooktar Abiyyi seenaa gootummaa fi aarsaa Keeniyaa, seenaa Adawaa Itoophiyaa wajjin baay’ee wal fakkaata jechuun ergaa dabarsaniiru.
Seenaa Adawaa keessatti, Itoophiyaanonni kutaalee biyyattii hunda irraa walitti dhufuun biyya isaanii baraaruuf tokkummaan dhaabbachuu kan ibsan Dooktar Abiyyi seenaawwan waliinii kun bilisummaan kennaa ta’ee kan argamu osoo hin taane, gootummaa, tokkummaa fi aarsaa guddaadhaan kan mirkanaa’u ta’uu isaa nu yaadachiisa jedhan.
Dooktar Abiyyi akkuma seenaan keenya walitti hidhamee jiru, egereen keenyas walitti kan hidhamee ta’uu qaba jedhan.
Yaadama Ida’amuutiin, Itoophiyaafi Keeniyaan uummattoota biyyoota lameeniif carraa bal’aa fi badhaadhina waliinii uumuuf, tumsa dameewwan anniisaa haaromfamaa, walitti hidhamiinsa daandii, telekoomii fi daldalaa keessatti qabnu caalmaatti cimsuu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Gootota har’a kabaja argatan hundaaf kabaja fi ulfina olaanaan dhiyeessa jechuun uummata Keeniyaa baga kabaja guyyaa kabaja biyyaalessaa Keeniyaa geessan jechuun gammachuu qaban ibsaniiru.
#Mul‘ataGuddaa