Magaalaa misooma koriidariifi qarqara laggeeniitiin faayamuun faalama naannoo hir’suun jireenya jiraattotaa fooyyessaa jirtu – Finfinnee

You are currently viewing Magaalaa misooma koriidariifi qarqara laggeeniitiin faayamuun faalama naannoo hir’suun jireenya jiraattotaa fooyyessaa jirtu – Finfinnee

‎AMN PLUS – Onkoloolessa 11/2019

‎Magaalaan Finfinnee tanaan dura rakkoolee kanneen akka yaa’insa tiraafikaa,faalama qilleensaafi laggeenii akkasumas hanqina iddoowwan magariisummaa gufuuwwan misooma ta’uun baroota dheeraaf danqaa turaniiru.

‎Yeroo amma garuu daandiiwwan irraa eegalee osoo qarqarri laggeenii hin hafin Finfinnee roga maraan misoomsuun haalli qilleensaafi bishaanii qulqulluun akka jiraatu taasifameera.

‎Misoomni kunis Finfinnee miidhagduu taasisuun alattis, sirna ammayyaa balfa dhangala’aa dhabamsiisuu diriirsuun, balfi warshaaleefi manneen jireenyaa keessaa gara laggeeniitti akka hin yaaane gochuun qulqullina naannoo eeguun dhibeewwan daddarboo ittisuu keessatti gumaacha guddaa bahachaa kan jiru ta’uu ibsameera.

‎Dabalataanis, daandiiwwan asfaaltii bal’aan daandiiwwan deemsa miilaa fi biskileetii baay’een hojjetamuu isaanii, mukkeen hedduun dhaabamuufi iddoowwan magariisaa babal’achuun, hanga kaarboonii gadhiifaman hir’isuu fi ho’a naannoo to’achuun qulqullina qilleensa magaalaa Finfinnee fooyyessaa jiru.

‎Jijjiiramni naannawaa bal’aan kun, misoomni karooraan qophaa’e hojii qabatamaatti hiikamee jireenya hawaasaa jijjiiruu akka danda’u ragaa qabatamaa kan ta’e Pirojektii Misooma Qarqara Laga Inxooxxoo–Qabbanaa waliin walitti hidhata cimaa kan qabu ta’uus eerameera.

‎Pirojektiin kun beekumsaafi dandeettii biyya keessaa giddu galeessa taasifachuun,muuxannoo kaleessaafi carraa har’aa walitti fiduun falaasama Ida’amuutiin biyya fooyyofte dhaloota egeree dhaalchisuuf hojii qabatamaan kan mul’isuudha.

‎Duraan faalama naannoofi yaaddoo nageenyaaf saaxilamaa kan ture qarqarri laggeenii magaalattii amma gara giddu gala paarkii miidhagaatti jijjiirameera.

‎Dandeettii injinarootaa biyya keessaafi dargaggootaatiin kan ijaarame pirojektiin kun,deeggarsa alaa eeguu qofa irratti hirkachuu irraa gara of danda’anii hojjechuuttis ce’uun dandeettii, kalaqaafi kutannoo Itoophiyaanonni hojii guddaa ofiin hojjechuuf qaban ifatti mul’isu danda’eera.

‎Pirojektiin kunneen iddoowwan ispoortii itti shaakalan, bakka boqonnaa bilisaa fi riqaalee ammayyaa baay’een kan ijaaraman fayyadamtoonni salphaatti gamaa fi gamanatti ce’uun haalli mijataan kan uumame yoo ta’u,kunis fayyaa sammuu fi qaamaa jiraattotaa eeguudhaan alatti, hariiroo hawaasaa fi waliin jireenya lammiilee cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu ibsameera.

‎Dabalataanis, manneen daldalaa fi kaafeewwan qarqara laggeenii irratti ijaaraman dargaggootaafi dubartootaaf carraa hojii uumuun, Finfinnee giddu gala tuurizimii Afriikaa taasisuuf tattaaffii taasifamuuf deeggarsa guddaa kan qabu ta’uus eerameera.

‎Misoomni kooriidarii,qarqara laggeenii fi magariisummaan Finfinnee miidhagsuu qofa osoo hin taane, qulqullina naannoo fi fayyaa hawaasaa fooyyessuu, carraa hojii babal’isuu fi jireenya jiraattotaa mijataa taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu yoo ta’u, dhaloota boruuf magaalaa magariisaa, ammayyaa fi naannawaa uumamaa eegame qabu ijaaruuf bu’uura cimaa kan kaa’u ta’uu ifoomeera.

‎Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

#Biyyaguddoo

#Uummataguddaa

#Mul‘ataguddaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply