
AMN PLUS – Onkoloolessa 11/2019
Bu’uura cimaa biyya tokkoo fi wabii jiraachuu ishee kan ta’e Raayyaa Ittisa Biyyaati.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaas tokkummaa, nageenyaa fi birmadummaa Itoophiyaa kabachiisee itti fufsiisuuf dhaabbata guddaa itti gaafatamummaa seena qabeessa baate,bahataa jiruufi gara fuulduraattis kutannoon bahatuudha.
Haa ta’u malee,seenaa darbe keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa guddaa kun qormaatileefi hanqinoota dhaabbatummaa cimaa ta’aniin kan guutame ture.
Keessumaa, Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad aangoo qabachuu isaanii dura, haalli dhaabbatichi keessa ture guddina seenaa Itoophiyaa wajjin kan wal hin simne, akkasumas rakkoo cimaa dhiyeessii meeshaalee fi caasaa dhaabbataa keessa kan ture ta’uu ragaan ni agarsiisa.
Caasaafi sirni hojii dhaabbatichaa saayinsii waraanaa ammayyaa fi qajeeltoowwan ijaarsa raayyaa wajjin kan wal hin simne, guddina biyyaas gahumsaan kan hin calaqqisiifne ture.
Meeshaaleen waraanaafi kuusaan loojistiksii isaa kan dullooman, dandeettiin suphaa kan laafeefi bu’uuraaleen misoomaa akkasumas mooraa miseensonni raayyaa keessa qubatan jireenyaaf mijataa kan hin taane turan.

Raayyaan kun daangaa biyya isaa gootummaan eeguuf fedhii qabaatus, sirni ittiin hoogganamuufi meeshaaleen waraanaa inni hidhate fedhii yeroo ammaa wajjin kan wal hin simne ta’uun hanqinaalee isaa keessaa tokko ture.
Hanqina kana sirreessuufi itti fufiinsa jiraachuu Itoophiyaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan jalqabaa Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad fudhatan bu’uura jijjiirama sanaa ta’aniiru.
Fooyya’iinsi dhaabbattummaa kun irra caalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa faayidaa paartiifi gareewwanii irraa bilisa gochuun, raayyaa biyyaalessaa bakka bu’ujmmaa haqa qabeessa uummata Itoophiyaa mirkaneessu akka ta’u irra deebiin ijaaruu irratti xiyyeeffate.
Kanaanis, raayyaan kun birmadummaa biyya isaa qofa kan eegu, loogii siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’ee fi naamusa ogummaa irratti hundaa’e akka qabaatuuf caasaan haaraan diriirfame.
Biyyi qormaatilee nageenyaa walxaxoo keessa turte keessatti, Raayyaa Ittisa Biyyaa meeshaalee waraanaa ammayyaa, teeknooloojii diroonii, humna qilleensaafi humna namaa leenjii gahaa qabuun gahumsa akka qabaatuuf hojii bal’aan hojjetameera.
Har’a raayyaan kun hanqinaalee duraanii keessaa ba’ee, dandeettii loojistiksii,qophii dhiyeessii nyaataafi meeshaalee waraanaa isaatiin madaallii humna naannawaa kan madaalu irra ga’eera.

Kanaanis Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa mallattoo gootummaa, naamusaafi ammayyummaaa ta’eera.
Ergamoota nageenya kabachiisuu biyya keessattis ta’e biyya alaatti raawwate, akkasumas humnoota nageenyaafi birmadummaa Itoophiyaa sarbuuf ka’an irratti tarkaanfii fudhachuu keessatti raawwii agarsiise jijjiiramni taasifame sirrii ta’uu isaa hojii irra oolchuudhaan mirkaneessera.
Raayyaan Ittisa Biyyaa qabeenya guddaa uummataa waan ta’eef, hariiroo uummata waliin qabu cimsuun yeroo rakkoo gargaaraa, yeroo nagaa immoo qaama misoomaa ta’ee seenaa Itoophiyaa boqonnaa haaraatti ceesisaa jira.
Dhaabbatichi kaleessa “Itoophiyaa kan hin fakkaanne” jedhamaa ture, har’a mallattoo kabaja biyyaatti,lammiilee boonsuufi utubaa cimaa birmadummaa Itoophiyaa mirkaneessu ta’ee dhaabbateera.
Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e
#Mul‘ataguddaa