AMN PLUS – Onkoloolessa 13/2019
Labsii Manni Maree Magaalaa Finfinnee qaamolee hojii raawwachiiftuu fi aangoo hojii qooduuf raggaasiseen, hojiiwwan duraan Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Tiraafikaatiin raawwatamaa turan Biiroo Geejjibaa, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii fi Wiirtuu Bulchiinsa Geejjibaatti qoodamuun ibsameera.
Adeemsa hojii walharkaa fuudhuu labsichaan walqabatee, guyyoota muraasaaf hojiiwwan to’annoo tiraafikaa irratti hanqinni uumamuun, kaffaltii bakka dhaabbii kaffaluu dhabuun, seera tiraafikaa cabsuunii fi konkolaattota fe’umsaa gurguddoon sa’aatii sochii isaanii murtaa’e ala socho’uun mul’ateera.
Waajjirri Kantiibaa Finfinnee akka beeksisetti, adeemsi hojii walharkaa fuudhuu xumuramuun, borirraa eegalee hojjettoonni to’annoo Biiroo Geejjibaa hojii isaanii idilee ni jalqabu. Poolisii Tiraafikaa waliin qindoominaan hojjechuunis seera kabachiisuu fi nageenya daandii mirkaneessuun ni cimina.
Bulchiinsi magaalattii lammiileen hundi seera tiraafikaa akka kabajanii fi nageenya daandii mirkaneessuuf qooda isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessera.
#Mul‘ataguddaa