
AMN PLUS-Onkoloolessa 16/2019
Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa seenaa dheeraa fi injifannoowwan hedduu qabuun, qormaatilee yeroo garaagaraatti mudatan dandamachuun birmadummaafi tokkummaa biyyaalessaa eegaa akka turee fi akka itti jiru Gorsaan Loltoommaa Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa FDRI fi Hogganaan Hoggansa Dhukaasaa Raayyaa Ittisaa, Jeneraal Alamsheet Daggifee ibsan.
kabaja guyyaa hundeeffama Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa yeroo 119ffaarratti haasawa kan taasisan Jeneraal Alam’isheet, humni hidhannoo Itoophiyaa seenaa dheeraa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Uummanni Itoophiyaas qormaatilee garaagaraa dandamachuun, tokkummaa biyya isaa eeguun har’a gaheera kan jedhan Jeneraalichi kun, raayyaan Ittisaas weerartoota alaa ofirraa qolachuu fi birmadummaa biyyaa tikfachuu keessatti gahee olaanaa bahachaa turuu isaa ibsaniiru.
Raayyaan Ittisaa yeroo dheeraaf wareegama qaalii kaffaluun tokkummaa fi birmadummaa biyyaalessaa eegaa kan ture ta’us, yeroo garaagaraatti qormaatilee fi miidhaawwan keessoo fi alaa mudatan keessa akka darbe himaniiru.
Yeroo ammaa mootummaan jijjiiramaa guyyaan kabaja hundeeffama Raayyaa Ittisaa haala walqixcummaa qabuun qabuun barabaraa yaadatamuun akka kabajamuuf bu’uurti cimaan kan kaa’ame ta’uus ibsaniiru.
Kabajni guyyaa hundeeffama Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa yeroo 119ffaas mata-duree “Injifannoo Raayyaa Ittisaa” jedhuun kabajamaa kan jiru yoo ta’u, kunis injifannoowwan Raayyaan Ittisaa daangaa biyyaafi iddoowwan qormaata cimaa mudatanitti galmeesse yaadachuufi oolmaa isaa dinqisiifachuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.
Kabajni guyyaa hundeeffama Raayyaa Ittisaa kun seenaa raayyaa, wareegama loltootaa fi gahee isaan birmadummaa biyyaa tikfachuu keessatti bahatan yaadachuudhaan, dhaloota ammaa fi dhufuuf seenaa gootummaa dabarsuufis hiika olaanaa kan qabu ta’uu Jeneraal Alamsheet Daggifee ifoomsaniiru.
#Mul‘ataguddaa!