Misooma Koriidarii irra magaalaa Finfinnee qabatamaan jijjiireefi dhaloota dhufuuf bu’uura kaa’a jiru!

You are currently viewing Misooma Koriidarii irra magaalaa Finfinnee qabatamaan jijjiireefi dhaloota dhufuuf bu’uura kaa’a jiru!

‎AMN PLUS – Onkololeessa 17/2019

‎Yaadama Mootummaa Ida’amuun hojiiwwan misoomaa biyyaalessaa jalqabaman, carraawwan gaarii babal’isuu fi hanqinoota jiran sirreessuun, pirojektoota gurguddoo badhaadhina waliigalaa Itoophiyaa mirkaneessuu danda’an hojiirra oolaa jiru.

‎Hojiiwwan misooma bu’uuraalee misoomaa fi kooriidarii guguddoon magaalotaa fi baadiyyaa biyyattii keessatti hojjetamaa jiran, agarsiistuu ta’aniiru.

‎Ministirri Muummee Itoophiyaa, Dooktar Abiyyi Ahimad, misooma qarqara laggeenii Qacanee, Ambaasaaddar, Ireechaa fi Baambiisi irraa hanga Daandii Salaamitti kan diriire eebbisuun yeroo hojii jalqabsiisan akka dubbatanitti,“Mul’anni keenya dhaloota har’aatiifis ta’e dhaloota dhufuuf magaalaa bareedduu qofa osoo hin taane, humna oomishtummaa qabdu, hunda hammattuu fi uummata ishee madaalu ijaaruudha”.

‎Ergaan Ministira Muummee kun akka agarsiisutti, kaayyoon misooma kooriidarii bareedina magaalaa uumuu qofa osoo hin taane, jireenya waliigalaa lammiilee fooyyessuu fi dandeettii oomishtummaa guddisuuf bu’uura ta’uu isaati.

‎Haaluma kanaan, pirojektiin misooma qarqara laggeenii dhiyeenya kana xumuramuun eebbifaman, naannolee laggeenii magaalaa Finfinnee duraan dagatamanii turan gara giddu gala misooma magariisaafi tuurizimii ta’aniitti jijjiiruun tarkaanfii seena-qabeessa ta’eera.

‎Kana malees, daandiiwwan gurguddoo Finfinnee, Piyaasaa irraa hanga Masqal Aaddabaabaayitti, Boolee irraa hanga kiiloo Afuriitti, akkasumas naannolee Kaazaanchisii fi Lagahaar keessatti misoomni kooriidarii walitti hidhatan hojjetaman, sochii tiraafikaa fooyyessuu fi daandiiwwan miilaa mijataa fi nageenyi isaanii eegame akka ta’an gochuuf gumaachaniiru.

‎Kunis Finfinnee Afrikaa fi hawaasa addunyaatiif magaalaa filatamtuu taasisuu bira darbee, dhiphina jireenya guyyaa guyyaa jiraattotaa hir’isuuf gahee olaanaa qaba.

‎Faayidaa guddaa misooma kooriidarii kanaa keessaa inni biraan carraa diinagdee haaraa fi hojii uumuu danda’uu isaati.

Giddu galoonni daldalaa garaagaraa naannichatti ijaaraman namoota kumaatamaaf madda hojii fi galii ta’uun, walitti dhufeenya oomishtootaa, daldaltootaa fi fayyadamtootaa cimsuun sochii diinagdee magaalaa Finfinnee haala haaraan dammaqsuurratti argamu.

‎Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran fedhii dhaloota har’aa guutuu bira darbee, dhaloota boruuf biyya guutuu fi badhaate dabarsuuf kan ijaaraman qabeenya biyyaalessaa seena-qabeessaa fi dhalootaa dhalootatti darbuudha.

Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e

#Finfinnee

#Misooma

#Itoophiyaa

AMN-Afaan Oromoo

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply