Itoophiyaan xiyyaarota waraanaa Su-35 lakkoofsaan 12 Mootummaa Raashiyaarraa argatte – MM FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Itoophiyaan xiyyaarota waraanaa Su-35 lakkoofsaan 12 Mootummaa Raashiyaarraa argatte – MM FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS – Onkoloolessa 18/2019

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD),tattaaffii nageenyaa fi tasgabbii biyyaalessaa waaraan mirkaneessuuf taasifamu sadarkaa boqonnaa haaraarra ga’uu ibsaniiru.

Dooktar Abiyyi ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin qophiin Itoophiyaan humna ittisaa ishee cimsuuf taasisaa jirtu dandeettii haleellaa dursan ittisurratti akka argamu hubachiisaniiru.

Waliigaltee kanaan dura mootummaa Raashiyaa waliin taasifameen, Itoophiyaan har’a xiyyaarota waraanaa gosa Su-35 dhaloota 4ffaa (4++) ta’an 12 marsaa jalqabaan mootummaa Raashiyaarraa argachuu beeksisaniiru.

Kana malees, sirna ittisa qilleensaa S-400 batiriiwwan afur akka fudhattu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad, Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin, xiyyaarota waraanaa kana yeroo waliigaltee fudhachuuf karoorfame waggaa tokko dursanii Itoophiyaan akka fudhattuuf tattaaffii taasaniif galateeffataniiru.

Xiyyaarota waraanaa kanneen hidhachuun Itoophiyaan biyyoota Afrikaa gammoojjii Saahaaraa irraa gara kibbaatti argaman keessa dursaa akka argattu ishee taasisa jedhaniiru.

Milkaa’inni seenaa qabeessi kun abbaa biyyummaa Itoophiyaa caalmaatti kan cimsu ta’uu ibsuun, gara fuulduraattis nageenya waloofi tasgabbii naannawaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu itti fufuuf humna guddaa akka ta’u Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin ibsaniiru.

#Finfinnee

#Itoophiyaa

#Russia_Africa_Summit

#Tumsa

#Humna_Cimsuu

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply