AMN PLUS – Onkoloolessa 20/2019
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Awutoobusoota magaalaa 26 kan jalqabaa boba’aa irraa gara gaazii uumamaatti jijjiiramuun hojii eegaluu isaaniii ibsaniiru.
Dooktarri Abiyyi ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin hojichi kan gammachuu guddaa namaaf kennuu tahuu ibsuun ji’oota muraasa darban keessatti, gaazii uumamaa bakka oomishamutti argamu irraa gara Finfinneetti geessuu, buufataalee gaazii qopheessuu fi awutoobusoota magaalaa gara gaazii uumamaatti jijjiiruuf hojiiwwan bal’aan hojjetamaa turaniiru.
Tarkaanfiin seena qabeessi kun boba’aa bittaa alaa irratti sharafa alaa guddaa baafamu haalaan hambisa jedhaniiru.
Kana malees, baasii hojii geejjibaa uummataa hir’isuudhaan kaffaltii imala lammiilee walakkaa hir’isuuf akka gargaaru hubachiisaniiru.
Akkasumas, konkolaattota boba’aan hojjetan gara gaazii uumamaatti dandeettii biyya keessaa fayyadamuun jijjiiruun, dandeettii biyya keessaa fi ce’umsa teeknooloojii qabatamaan kan mirkaneessedha.
Fuuldurattis, boba’aa alaa irratti hirkannaa keenya guutummaatti hir’isuuf, akkasumas gaazii uumamaa biyya keessatti oomishamaa jiru bal’inaan itti fayyadamuuf, awutoobusoonni haaraan 400 gaazii uumamaan hojjetan yeroo dhiyootti gara biyyaatti akka galfaman Dooktar Abiyyi ibsaniiru.
Damee nyaataa, mana jireenyaa fi geejjibaa keessatti hojiiwwan qabatamaa hojjechuudhaan jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf tattaaffiin eegalame kun caalmaatti cimee itti fufas jedhaniiru.
#Finfinnee_Itoophiyaa_Biyya_Guddoo_Geejjira_Boba‘aa_Gaazii_Uumamaa