Gareen Jila Barreessaa Olaanaa INTERPOL Vaaldeesii Hurkiizaan durfame daawwannaa hojiiif Finfinnee gahe

You are currently viewing Gareen Jila Barreessaa Olaanaa INTERPOL Vaaldeesii Hurkiizaan durfame daawwannaa hojiiif Finfinnee gahe

AMN PLUS – Onkoloolessa 20/2019

Gareen jilaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Poolisii Idil-addunyaa (INTERPOL) Vaaldeesii Hurkiizaan durfame daawwannaa hojii taasisuuf Finfinnee galeera.

Gareen jilichaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee yeroo ga’u, Ajajaa Olaanaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinara Jeneraal Dammaallaash Gabramikaa’el fi Pirezidaantii Yuunivarsiitii Poolisii Itoophiyaa Dooktar Taammiraat Mulugeetaan simatameera.

Barreessaan Olaanaa INTERPOL Vaaldeesii Hurkiizaa turtii daawwannaa isaaniin Waajjira Muummee Poolisii Federaalaa Itoophiyaa ni daawwatuun eegama.

Dabalataanis, Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa Akkaadaamii Idil-addunyaa INTERPOL waliin waliigaltee hojii (MoU) akka waliif mallatteessan dhimmoota eegaman keessaa tahuun akeekameera.

Akkaadaamiin Idil-addunyaa INTERPOL kun biyyoota miseensa dhaabbatichaa ta’aniif ogeeyyii seera kabachiisaniif leenjii sadarkaa idil-addunyaa fi qulqullina olaanaa qabu kennuun kan beekamudha.

Waliigalteen kunis tumsa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa fi INTERPOL gidduu jiru caalmaatti cimsuu, akkasumas dandeettii ogeeyyii seera kabachiisanii guddisuuf gahee qabaachuu odeeffannoon Poolisii Federaalaa Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Finfinnee_Itoophiyaa_ INTERPOL

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply