Humna Dandeettii Gahaa Qabu,Meeshaalee Waraanaa Ammayyaas Hidhatee Qophaa’ummaa Qabu – Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaa

You are currently viewing Humna Dandeettii Gahaa Qabu,Meeshaalee Waraanaa Ammayyaas Hidhatee Qophaa’ummaa Qabu – Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaa

AMN PLUS – Onkoloolessa 20/2019

Birmadummaa biyyaa kabachiisuu, nageenya lammiilee mirkaneessuu fi olaantummaa seeraa eegsisuuf itti gaafatamummaa seena qabeessa qabu bahachuuf, Raayyaan Ittisa Biyya Itoophiyaa dandeettii waraanaafi teeknooloojii ammayyaa irratti hundaa’uun of cimsaa jira.

Raayyaan Ittisa Biyya Itoophiyaa meeshaalee waraanaa ammayyaa fi dandeettii tarsiimawaa olaanaa qaban hedduu qabaachuun humna waraanaa isaa guddisuu irratti xiyyeeffateera.

Isaan keessaa taankiiwwan gurguddoon meeshaalee waraanaa humnichi hidhate keessaa gosa tokko yoo tahan taankiiwwan kunneen teeknooloojii sadarkaa olaanaa fi meeshaalee ittisaa cimaa ta’aniin kan ijaaraman ta’un, dirree waraanaa irratti gahee olaanaa bahachuu danda’u.

Gama meeshaalee waraanaa fageenya dheeraa irratti hojjetaniitiin, sirnoonni artiilarii rookeetiinis kanneen biroo yoo tahan, meeshaaleen kunneen sochii waraanaa keessatti jijjiirama fiduu fi dandeettii haleellaa fageenya dheeraa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabu.

Gama humna qilleensaatiin, xiyyaaronni waraanaa Su-30 fi Su-25 dandeettii Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaa cimsan keessaa isaan ijoodha. Xiyyaaronni kunneen humna tika odeeffannoo waljijjiirraa, hordoffii raawwachuu, galma adda baasuu, akkasumas deeggarsa qilleensaa kennuu keessatti gahee olaanaa qabu.

Kana malees, xiyyaaronni nam-maleeyyii kanneen akka Bayraktar TB2, Wing Loong II fi CH-4 dandeettii hordoffii fi odeeffannoo qindaa’aa argachuun kan qindaa’an tahuun hidhannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti galmaa’uun humna dabalataa biyyattiti.

Meeshaaleen kunneen sochii humnoota diinaa hordofuu, odeeffannoo walitti qabuu fi galma adda baasuu keessatti faayidaa olaanaa qabu.

Sirnoonni ittisa qilleensaa Pantsir-S1 fi HQ-64 ammoo xiyyaarota waraanaa, xiyyaarota nam-maleeyyii fi misaa’elootni diinaa adda baasuu, hordofuu fi haleellaa isaanii fashaleessuuf kan gargaaran meeshaalee ittisaa ammayyaa keessaa warreen murteessoodha.

Walumaagalatti, meeshaalee waraanaa ammayyaa fi dandeettii tarsiimawaa Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaa cimsuun bu’uuraalee misoomaa gurguddoo, dhaabbilee tarsiimawoo fi nageenya biyyaalessaa eeguu keessatti gahee olaanaa qaba.

Dandeettiin ittisaa cimaa akkasii jiraachuun balaa nageenyaa uumamuu malu ittisuu fi humnoonni biyyaaf yaaddoo ta’an tarkaanfii fudhachuu isaanii dura akka yaadan taasisuu keessatti shoora addaa taphata.

Dabalataanis, nageenyi fi tasgabbiin biyya keessaa mirkanaa’uun misooma biyyaalessaa saffisiisuu, dippilomaasii cimsuu fi dhimma biyyaalessaa irratti dandeettii marii fi waliigaltee guddisuuf bu’uura ta’anis baay’ee kan abdatamuudha.

Warqineeh Abbiyyootiin

#Biyya_Guddoo_Uummata_Guddaa_Mul’ata_Guddaa_Raayyaa_Ittisa_Biyyaa_Raayyaa Injifannoo!

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply