AMN PLUS – Onkoloolessa 21/2019
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee,Finfinneen badhaasa Idil-addunyaa Shanhaayi 2026 argachuu ibsaniiru.
Badhaasa argamee hordofee Aadde Adaanech ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Finfinneen sagantaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Sagantaa Qubannaa Namootaa (UN-Habitat) fi Chaayinaan qophaa’e, Guyyaa Magaalota Addunyaa bara 2026 irratti badhaasa “Shanhaayi” injifatteetti.
Injifannoon kun Finfinnee qofaaf osoo hin taane, Itoophiyaa hundaaf boonsaa guddaadha!
Badhaasni Shanhaayi kun UN-Habitat fi Chaayinaan qophaa’ee, magaalota misooma magaalaa itti fufiinsa qabu, hunda hammataa, namoota giddugaleessa godhateefi dandamachuu danda’u irratti hojii bu’a qabeessa hojjetaniif waggaa waggaan magaalota shaniif kennamuudha.
Finfinnees bara 2026 magaalota badhaasa kana argatan keessaa tokko taateetti.
Kun Finfinneef beekamtii idil-addunyaa isa jalqabaa miti. Bara 2024 keessas badhaasa “Magaalaa See’ool” UN-Habitat fi Magaalaan See’ool Kooriyaa Kibbaa qopheessan injifachuun ishee ni yaadatama.

Beekamtiin walitti aansee argame kun hojiiwwan misooma magaalaa keessatti hojjetaman, akkasumas dorgommii idil-addunyaa keessatti dandeettii Finfinneen qabdu kan agarsiisudha.
Keessumaa badhaasni Shanhaayi kun hojiiwwan misooma magaalaa waggoota jijjiiramaa darban keessatti hojjetaman bu’a qabeessa, itti fufiinsa kan qaban, akkasumas jireenya jiraattotaaf faayidaa guddaa kan qaban ta’uu isaanii irratti beekamtii idil-addunyaa argachuu isaanii mirkaneessa.
Milkaa’ina kanaaf gumaacha kanneen ta’an keessaa:
Misooma namoota giddugaleessa godhate: Fedhii fi faayidaa jiraattotaa dursa kennuun haaromsa magaalaa waliin walitti fiduu.
Dhiyeessii manneen jireenyaa fooyyessuu: Jiraattonni mana jireenyaa mijataa akka argatan hojiiwwan hojjetaman.
Misooma hunda hammataa: Pirojektoota koriidarii magaalaa fi qarqara laggeenii keessatti misooma walitti hidhameefi hunda hammataa mirkaneessuu.
Geejjiba fooyyessuu: Tajaajila geejjibaa fi dhaqqabummaa isaa guddisuuf tarkaanfiiwwan fudhataman.
Magariisummaa fi qulqullina magaalaa guddisuu: Naannoo qulqulluu, bareedaa fi jireenyaaf mijataa ta’e uumuu.

Hojiiwwan kunneen dandeettii magaalaa gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruu, faayidaa jiraattotaa guddisuu fi Finfinnee magaalaa dorgomaa taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu isaanii agarsiisu.
Keessumaa biyyoota guddachaa jiran keessatti haaromsi magaalaa qormaata guddaa ta’us, muuxannoon Finfinnee kana milkeessuu keessatti argatte magaalota biroofis barumsa hojii irra ooluu danda’u ta’eera.
Injifannoon kun bu’aa hojii qabatamaa, tattaaffii waliinii fi milkaa’ina gamtaati.
Irra deebiin baga gammaddan!
Uumaan Itoophiyaafi uummata ishee haa eebbisu!
Kantiibaa Adaanech Abeebee!