AMN PLUS – Onkoloolessa 23/2019
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, kitaaba mata dureen isaa ‘Miluu’innat’ jedhu kan Dooktr Alamaayyoo Araddaan barreeffame ilaalchisee ergaa dabarsan.
Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, kitaaba mata dureen isaa “Miluu’innat” jedhu kana dinqisiifataniiru.
Kitaabichi guddina dhuunfaa fi cimina hawaasaa walitti hidhuun, siyaasaa hunda hammataa, badhaadhina waloo fi garaagarummaa aadaa walitti fiduuf yaada gadi fagoo akka dhiyeessu ibsaniiru.
Ergaan ijoo kitaabichaa garaagarummaa keenya madda walqoqqooduu osoo hin taane madda cimina keenyaa taasifnee, wal amantaa, walta’iinsaa fi ida’amuu irratti hundaa’uun egeree keenya waliin ijaaruu akka qabnu kan hubachiisu ta’uu Aadde Adaanech ibsaniiru.
Kaayyoon kun mootummaa qofaan osoo hin taane, itti gaafatamummaa waliiniifi hirmaannaa lammiilee hundaan kan milkaa’u ta’uu eeruun, kitaabichi beekumsa waliinii guddisuu fi hawaasa fooyya’aa horachuuf gumaacha guddaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee, “Garaagarummaa keenya kabajnee, dandeettii keenya walitti qindeessinee, ida’amuu fi walta’iinsaan badhaadhina waloo haa bu’uuressinu ” jechuun Dooktor Alamaayyoo Araddaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
#Itoophiyaa_Biyya_Guddoo_Finfinnee