AMN PLUS|Onkoloolessa 24/2019
Ejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee, qulqullina magaalattii eegsisuufi faalama naannoo ittisuuf sirnoota hojii ammayyaa diriirsaa jiraachuu beeksiseera.
Daarektarri Olaanaa Ejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Obbo Gazzahaany Dessisaa,magaalaa keessatti balfa goggogaa gosa isaatiin addaan baasanii sassaabuu bira darbee, of eeggannoodhaan konkolaattota ammayyaa fayyadamuun akka geejjibamu taasifamaa jiraachuu AMN waliin turtii taasisaniin ibsaniiru.
Magaalattii keessatti guyyaatti balfi goggogaan toonii kuma 3tti dhihaatu akka maddus kan ibsan Obbo Gazzahaany, balfa kana dhabamsiisuuf gara iddoowwan kuusaa geessuu fi sadarkaa sadarkaan addaan baasuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Haaluma kanaan, balfi tortoru boorsaa magariisaatti, balfi hin tortorre immoo boorsaa cuquliisaatti addaan baafamee akka kuufamu hojimaanni diriirfameera.
Balfa addaan baafames, waldaaleen gurmaa’an konkolaattota isaaniitiin gara bakka kuusaa yeroo geessuu isaanii ibsaniiru.
Kana dura balfi goggogaan yeroo sassaabamuufi geejjibamu konkolaattota banaa ta’aniin waan geeffamaa tureef, magaalaa xureessaa akka ture yaadachiisaniiru.

Amma garuu rakkoo kana hambisuuf konkolaattota ammayyaa qadaada qabanitti fayyadamuun, balfa sana sirnaan qadaaduudhaan hanga bakka itti dhabamsiifamutti akka geeffamu taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Kana malees, duraan balfi goggogaan bakka dallaa hin qabneetti kuufamaa ture hawaasaaf balaa fayyaa ta’aa akka ture yaadachiisaniiru.
Yeroo ammaa garuu magaalaa xurii irraa ittisuuf balfa tortoruu fi hin tortorre addaan baasanii sassaabuu bira darbee, of eeggannoodhaan konkolaattota ammayyaa qadaada qabanitti fe’amee akka geeffamu taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataanis, magaalattii keessatti iddoowwan balfi goggogaan itti kuufamu,dallaa qaban 110 ol akka jiran kan ibsan daarektarri olaanaa kun, iddoowwan kanneen ammayyeessuunis hojjetamuu himaniiru.
Daraartuu Tarreessaatiin