Waliigaltee Biyyaalessaa irraa Hanga Tumsa Ardii Afrikaatti – Itoophiyaa!

You are currently viewing Waliigaltee Biyyaalessaa irraa Hanga Tumsa Ardii Afrikaatti – Itoophiyaa!

AMN PLUS|Onkoloolessa 25/2019

Mootummaa cimaa fi fudhatamummaa uummataa qabu bu’uura jabaa irratti ijaaruuf waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi cimsuun galmoota ijoo Mootummaa Ida’amuuti.

Paartichi Itoophiyaa sirni dimokiraasii dhugaan keessatti dagaageefi tokkummaan ishee sabdaneessummaa irratti hundaa’e caalmaatti mirkanaa’e ijaaruuf dimokiraasiin murteessaa ta’uu amana.

Galmoota biyyaalessaa kanneen milkeessuuf carraaqqiin taasifamu akkuma jirutti ta’ee, tumsa michoota ardii Afrikaa waliin jiru cimsuufis Paartiin Badhaadhinaa hojjechaa jira.

Haaluma kanaan,Yaa’iin Lammaffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa Onkololeessa 26 hanga 28/2019tti Finfinneetti gaggeeffama.

Waltajjicharratti hoggantoonni paartilee siyaasaa Afrikaa, qaamoleen imaammata qopheessan, akkasumas bakka bu’oota dameewwan garaagaraa dabalatee hirmaattonni hedduun ni argamu jedhamee eegama.

Waltajjicharratti kallattiiwwan fuulduraa siyaasaa fi dinagdee Afrikaa ilaalchisee dhimmoota garaagaraa irratti mariin akka gaggeeffamus tilmaamameera.

Waltajjichi hariiroo paartii irraa gara paartiitti jiru cimsuu bira darbee, paartilee biyyoota naannawaafi Afrikaa waliin mariin akkasumas hirmaannaa qaamolee hedduu gidduutti akka gaggeeffamuuf carraa bal’aa uuma.

Itoophiyaanis muuxannoowwan gaarii riifoormii dinagdee biyya keessaa, qonna, industirii, tuurizimii, albuudaa fi damee dijitaalaa irratti galmeessite waltajjicharratti ni dhiheessiti jedhamee eegama.

Haaluma kanaan, dameewwan anniisaa, geejjibaa, teeknooloojii dijitaalaa fi misooma magariisaa irratti muuxannoo Itoophiyaan argatte biyyoota Afrikaa biroo waliin qooduun tumsa fi walitti hidhamiinsa ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Paartileen siyaasaa biyyoota Afrikaa keessatti daldala, invastimantii fi hariiroo uummataa irraa gara uummataatti jiru haala akka mijeessan taasisuu dabalatee seerotni akka ba’an gochuu keessatti gahee isaanii bahachuu qabuunis ibsameera.

Waltajjiin Lammaffaan Paartilee Siyaasaa Afrikaa Finfinnee, wiirtuu dippilomaasii Afrikaa taate keessatti gaggeeffamu kun magaalattii irratti faayidaa dameewwan hedduu ni qabaata.

Waltajjichi hoggantoota Afrikaaf bifa gaarii Finfinnee agarsiisuu qofa osoo hin taane, sochii dinagdee magaalattii dabaluufis gumaacha ni taasisa.

Akkasumas, Finfinneen gama dippilomaasii, dinagdee fi hawaasummaatiin bu’aa hedduu akka argattu ni eegama.

Finfinneen waggaa darbe qofa keessatti waltajjiiwwan idil-addunyaa 200 ol keessummeessiteetti.

Bara baajataa ammaa keessattis waltajjiiwwan ardii fi idil-addunyaa hedduu milkaa’inaan keessummeessaa jirti.

Kanaafis, Finfinneen maqaa magaalaa guddoo Afrikaa qabduun Waltajjii Lammaffaa Paartilee Siyaasaa Afrikaa kana keessummeessuuf qophii barbaachisu xumuratteetti.

Yeshaambal Miriheetiin

#Itoophiyaa_Finfinnee_Pan-Africanism

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply