AMN PLUS|Onkoloolessa 25/2019
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad (PhD) Baaleetti raawwii qonna gannaa daawwachuu ibsaniiru.
Dooktar Abiyyi ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, ganni bara kanaa haqina roobaa olaanaa qabatuus, qophii duraa mootummaa fi uummataan taasifameen raawwiin gaariin galmaa’era jedhan.
Diinagdeen keenya qormaatilee namtolchee fi uumamaa akka dandamatuuf dursanii qophaa’uu fi filannoowwan babal’isuun dirqama ta’uus Dooktar Abiyyi ergaa isaanii keessatti kaasaniiru.
#Itoophiyaa_Biyyaguddoo_Uummatguddaa_Mul’ataguddaa