Xiyyaarri waraanaa Turkiyee kufuun lubbuun namoota 20 darbe

You are currently viewing Xiyyaarri waraanaa Turkiyee kufuun lubbuun namoota 20 darbe

AMN PLUS-Sadaasa 3/2018

Joorjiyaatti xiyyaarri waraanaa Turkiyee kufuun loltoonni 20 fi miseensonni balalii du’uun isaanii gabaafameera.

Xiyyaarri waraanaa qabeenya Humna Waraanaa Turkiyee ta’e ‘C-130’ Azarbaajaan irraa ka’ee gara Turkiyeetti osoo balali’uu Joorjiyaatti kufuun miidhaa qaqqabsiisuun isaa ibsameera.

Xiyyaarri Waraanaa Azarbaajaan magaalaa Gaanjaa irraa gara Turkiyeetti osoo deebi’uu daqiiqaa 27’f raadaariin ala bahee turuun naannoo daangaa Joorjiyaafi Azarbaajaanitti kufuu isaa Al-jazeeraafi BBC’n gabaasaniiru.

Pirezidaantiin Turkiyee Reesib Xaayib Erdoohaan hojiin haftee xiyyaarichaa deebisuu hojjetamaa jiraachaa ibsaniiru.

Sababni balaa hanga ammaatti kan hin beekamne yoo ta’u, qoratamaa jiraachuus hubatameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply