Adabbiin Luwiis Keelii haqame

You are currently viewing Adabbiin Luwiis Keelii haqame

AMN PLUS- Amajjii 20, 2017

Tapha tibba darbe Arsenaal Wolvis waliin taphatanirratti kaardii diimaan dirreedhaa kan baafame taphataan sarara ittisaa Arsenaal Luwiis Keeliif kaardiin kennamee ture haqame.

Taatee kanaan booda murteen abbaa murteen kenname doggogora jedhamuun qeeqaafi mormii jabaa keessummeessee ture.

Arsenaalis dhimmicha ilaalchisuun ol iyyannoon dhiheeffate fudhatama argateera.

Taphatichis tapha Maanchister Siitii waliin taasifamurratti ni hiriira.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply