Adiimoolaa Luukmaan taphataa cimaa Afriikaa 2024 jedhamuun filame

You are currently viewing Adiimoolaa Luukmaan taphataa cimaa Afriikaa 2024 jedhamuun filame

AMN- Mudde 08/2017

Taphataan lammii Naayijeeriyaa kilaba Atalaantaa Adiimoolaa Luukmaan taphataa cimaa Afriikaa 2024 jedhamuun filame.

Badhaasni urjiiwwan Afriikaa 2024 Morookoo Maaraakeeshitti geggeeffameera.

Badhaasicha irratti Pirezidaantiin FIFA Jiyaanii Infaantiinoofi Pireezidaantiin CAF Paatriis Museepeen argamaniiru.

Dhiirotaan taphataan lammii Naayijeeriyaa Adiimoolaa Luukmaan taphataa urjii jedhamuun yoo filamu, dubartootaan ammoo lammiin Zaambiyaa Barbaaraa Baandaa filamteetti.

Lammiin Seenegaal Lamiin Kaamaaraa damee taphataa dargaggeessa cimaan yoo badhaafamu lammiin Morookoo Doohaa Al Madiinaan filamteetti.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply