Ameerikaan milkaa’ina Sooriyaaf waan dandeessu hundumaa akka taasiftu Pirezidaanti Doonaald Tiraamp ibsaniiru.
Marii gita isaanii Sooriyaa Ahimad Al-shaaraa wajjin Waayit Haawusitti cufaatti taasisan booda, “Shaaraan gaggeessaa jabaadha” kan jedhan Tiraamp, Sooriyaa gara hojiitti deebisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
“Bakka rakkisaa irraa dhufe, nama jabaadha. Namatti tola. Pirezidaanticha wajjin nan hojjadha.” Jechuun Tiraamp kaleessa ibsaniiru.
Daawwannaa Shaaraan Waayit Haawusitti taasisan kun erga Sooriyaan of dandeessee wagga 80 keessatti isa jalqabaa ta’uun himameera.
Ajajaan garee shororkeessaa ajjeechaaf adamsamaa turan, Waayit Haawusitti simannaan ho’aa taasifamuufis dhaga’amee hin beeku.
Ameerikaan Qoqqobbii Sooriyaa irra bara bulchiinsaa Asaad keesse guyyoota 180’f kaasuu ishee kan beeksisteetti.
Shaaraan ammoo gama isaaniin Garee ISIS dhabamsiisuuf qindoomina Daayesh keessatti hirmaannaa cimaa taasisuuf waadaa galaniiru.
Hariiroo Israa’el wajjin qaban fooyyessuuf hojjachuunis galma Tiraamp keessaa kanneen ijoodha.
Diinagdee biyya waraana wal waliinii waggoota 13 laamshoftee bayyanachiisuuf waadaan galame Kun dippiloomaasii idil-addunyaa keessatti boqonnaa gaarii ta’uu xiinxaltootni gama tokkoon kaasu.
Kaan ammoo waan Tiraamp itti bu’anii qajeelu jiraachuu ija shakkiin ilaalaa akka jiran, tattaaffii dippiloomaasii isaan waggaa darbe Israa’eliifi Gaazaa akkasumas Raashiyaafi Yuukireenitti taasisan irraa ka’uun xiinxalli isaan ka’an ni agarsiisa.
Madda: Anadolu fi BBC