AMN fi Biiroon Daldalaa Finfinnee waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

You are currently viewing AMN fi Biiroon Daldalaa Finfinnee waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

AMN PLUS- Sadaasa 5/2018

Waliigalteen AMN waliin mallattaa’e hawaasa daldalaafi shamattoota bira gahuuf carraa guddaa ta’uu Hoggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj himan.

Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee AMN waliin waliigaltee hojii mallatteesseera.

Hoggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj waliigaltichi hawaasa daldalaafi shamattoota bira gahuuf carraa ta’uu eeran.

Karaa AMN’n giddugaloota gabaa 5 Finfinneetti argamanitti odeeffannoo haala olmaa gabaa uummata biraan gahaa turuus eeraniiru.

Fuuldurattis hordoffiifi to’annoo daldala seeraan alaarratti taasifamu ilaalchisee hubannoo uumuuf waliigalteen kun kan gargaaru akka ta’e Aadde Habiibaa Siraaj ibsaniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Addis Miidiyaa Neetwork Obbo Kaasaahun Gonfaa AMN, sirna daldalaa magaalaa Finfinnee akka saffisuufi fayyadamummaan uummataa akka mirkanaa’uuf gahee isaa bahataa jiraachuu himan.

AMN Sagalee Dhalootaa, uummata magaalaa Finfinneef madda odeeffannoo jalqabaa ta’uun dhimmoota gabaafi sirna daldalaa yeroon hirdoftootasaa biraan gahaa akka jiru Obbo Kaasahun Gonfaa ibsaniiru.

Tibbaarak Isaayyaasitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply