Arbaamincitti bidiruun namoota 16 feetee Haroo Caamoorra imalaa turte dhidhimte

You are currently viewing Arbaamincitti bidiruun namoota 16 feetee Haroo Caamoorra imalaa turte dhidhimte

AMN Onkoloolessa 8, 2017

Haroo Caamootti balaan dhidhimuu Bidiruu mudachuu hordofee hojiin lubbuu baraaruu gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Aboloo Arfacoo irraa gara Magaalaa Arbaa Mincitti namoota 16 fi muuzii fe’uun bidiruun imalaa turtee Haroo Caamoorratti balaan dhidhimuu mudachuu Qajeelchi Poolisii Godina Gaamoo beeksiseera.

Oduu kun hanga qindaa’etti namootaa bidiruttiin imalaa turan keessa lamaa lubbuun baraaramuu qajeelchichi mirkaneesseera.

Balichi guyyaa kaleessaa naannawaa sa’aatii 10:30tti mudachuu Itti Gaafatamaan Diviizhinii Hariiroo Ummataa fi Ijaarsa Maqaa Gaarii Qajeelchichaa Komaandar Rattaa Takluu ibsaniiru.

Yeroo ammaas hojiin lubbuu baraarsaa gaggeeffamu itti fufuu eeranii, ka’umsi balichaa humnaa ol fe’uun ta’uu mala jedhaniiru.

Maddi FBC

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply