AMN – PLUS – Bitootessa 30/2017
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa tapha moo’anii darbuu nuusa xumuraan morkiin Arsenaal Riyaal Maadirid waliin taasisan hawwiin eegama.
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa tapha moo’anii darbuu nuusa xumuraan morkiin Arsenaal Riyaal Maadirid walii galgala Filaay Emmireet irratti taasisan hawwiin eegama.
Leenjisaan Loosbilaankotaa Kaarloo Anchoolotiin yaada kennaniin Arsenaal garee cimaadha garuu,morkicha ulfaataa miti, waancaa hunda ni injifanna jechuun dhaadatan.
Kilaboonni lamaan waltajjuma kana irratti bara 2006 wal arganii turan, yeroo san Arsenaal garee caalatti qindoomina qabu waan ta’eef moo’aatee jira.
Rakkoo taphattoota sarara fuulduraan qormaata keessa kan jiru Arsenaal tibbana ammoo taphataa sarara ittisaa kilabichaaf murteessaa ta’e Gabreel Maagaaleeshis miidhamaan dhabeera. morkichi har’a galgala sa’aati 4:00 yoo ta’u, ni eegala.
Bifuma walfakkaatun Baayermuunik sa’aatii walfakkaatatti falmiin inni garee Siimoonii Inzaagii Intermiilan waliin taasisus morkii garee cimaa walitti fide hawwiin eegamu biroodha.
Misikkir Alamaayyootiin