Atileet Yewarqiwuhaa Geetaachoo Feestivaala Ispoortiii Humnoota waraanaa guutuu Afrikaa irrati meedaaliyaa Warqee 2ffaa injifatte

AMN – Sadaasa 19/2017

Naayijeeriyaa Magaalaa Abuujatti Feestivaala Ispoortiii Humnoota waraanaa guutuu Afrikaa gaggeeffamaa jiruun Atileet Yewarqiwuhaa Getaachoo meedaaliyaa Warqee 2ffaa injifatte.

Atileet Yewarqiwuhaan fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 dubartoota gidduutti gaggeeffame injifachuun dorgommichaan Meedaaliyaa Warqee 2ffaa, akka kilabichaatti immoo Meedaaliyaa Warqee 6ffaa ta’ee galmaa’eera.

Kilabni Ispoortii Raayyaa Ittisa Itoophiyaa hanga ammaatti meedaaliyaa Warqee 6, Meetii 7 fi Nahaasii 2 waliigala Meedaaliyaa 15 argachuu isaa ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisaa irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply