Atileetii umriin xiqqoo Shaampiyoonaa Addunyaa taate- Xirunesh Dibaabaa

You are currently viewing Atileetii umriin xiqqoo Shaampiyoonaa Addunyaa taate- Xirunesh Dibaabaa

AMN PLUS – Sadaasa 02/2018

Jabduu ijni barbadaa, Balaliitu akka Simbiraa, Atileetii Cimtuu Fageenya Dheeraa Yeroo Maraa, Fakkeenya Dhalootaa, Faajjii Injifannooti, Atileet Xurunesh Dibaabaa.

Maqaa masoo “Baby Face Destroyer” jedhuun waamuuni. Bara 2003 Shaampiyoonaa Addunyaa Injifachuun Addunyaa Fiigichaatti makamte. Sana Booda Fiigichaan Karaa Dheeraa Imaluu Akka Dandeessu Bartee Xiyyeeffannoon Itti bobbaate.

Dhugumatti Osoo Isheen Atileetii Hin Taanetii Addunyaan Gahumsa Dinqii Isheen Atileetiksiin Galmeessite Osoo Hin Raajeffatiin Darbuun Kufaatii Guddaa Ture.

Baadiyyaa Maatii Qote Bulaarraa Dhalattee Addunyaatti Kan Of Beeksiste Fiigichaani. Umrii Ijoollummaarraa Eegaltee Atileetota Hangafaa Ilaalaa Akka guddatte turtii AMN PLUS waliin taasisteen himte.

Keessumaa Immoo Injifannoon Atileet Daraartuu Tulluun Bara 1992 Olmpiika Baarseloonaan Galmeessite Kaka’umsa Cimaa Akka Ta’eef Dubbatti.

Injifattuu Meedaaliyaa Warqee Olompiikaa Yeroo 3, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaas Yeroo 9 Irra Aanuun Seenaa Barri Hin Jijjiirree Galmeessiteetti.

Dorgommii Isheen Irratti Hirmaattu, Lammiileen Itoophiyaa Mamii Tokko Malee Meedaaliyaa Warqee Akka Argatan Dursanii Amanu. Wanti Isaan Eegan Yoo Jiraate Qabxii Meeqaan Riikardii Bakkichaa Fooyyeessiti Kan Jedhuudha.

Ganna 18titti Shaampiyoonaa Addunyaa Injifachuun Atileetii Umriin Xiqqoo Dorgommicha Injifatte Ta’uun Riikardii Galmeessiteettti.

Olaantummaa Isheen Dorgomtoota Irratti Agarsiisutu Irraan Kan Ka’e Maqaa Masoo “Baby Face Destroyer” Jedhamus Mogga’eefiira.

Dafqa Dhiigaan Kuulame Cobsite, Dhukkubsattee Kan Biyyaaf Dursa Kennite, Har’a Warqee Dhaloonni Itti Boonu Taatee Laphee Miiliyoonota Keessa Jiraachaa Jirti.

Atileet Xirunesh Dibaabaa Ammas Fiigicha Xumureera Jettee Harka Marattee Hin Teenye. Keessumaa Qabxii Atileetiksii Gadi Bu’aa Jiru Bakkatti Akka Deebi’uuf Dhaloota Lafaa Dhufaa Jajjabeessuu Irratti Argamti.

Fiigicha Qaxxaamura Biyyaa Jaanmeedaa 43ffaa Gaggeeffamee Irraatti AMN PLUS Waliin Turtii Kan Taasiste Atileet Xurunesh Dibaabaa Dorgommiilee Sadarkaa Addunyaatti Gaggeeffaman Injifachuuf Kanneen Biyya Keessatti Qophaa’an Murteessaa Ta’uu Eeruun, Gahomsi Atileetotaas Abdachiisaa Ta’uu Himte.

Iccitiin Ijifannoo Keenyaa Gamtaan Hojjechuudha Kan Jette Atileet Xurunesh Dibaabaan Gareen Biyyaalessan Waliin Hojjechuun Dirqama Ta’uu Dubbatte.

Itti Dabaluunis Fiigichi Qaxxaamuraa Daran Ulfaataa Ta’uu himuun Tiraakiiwwan Dabalatee Iddoowwan Shaakala Ispoortii Gahaan Atileetota Kanneeniif Qophaa’uu Akka Qabus Dhaamtetti.

Eebba dhalootaa, Kaamettii haamilee Miiliyoonotaa, Atileet Xurunesh Dibaabaa Qananii.

Dachaasaa Dhaabitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply