Waltajjiin marii kabaja ayyaana Irreechaa bara 2018 ilaalchisuun Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi maanguddoota biyyaa waliin dhaadannoo “Irreecha Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun magaalaa Bishooftuutti mari’atamaa jira.
Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sambiruu ayyaanota agarsiistuufi calaqqee ummata keenyaa ta’an keessaa ayyaanni Irreechaa tokko ta’uu himanii kaayyoo ijoon marii kanaa ayyaanichi duudhaafi safuufi safeeffannaa isaa ganamaa qabatee akka ittifufu ta’uu himaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa Aadaafi Duudhaa Ummata keenyaa dagatameefi moggaatti dhiibamee ture Haaromsa Aadaatiin bakkatti deebisuuf hojii seena qabeessa hojjetameen bu’aan ol’aan galmaahuu danda’eera kan jedhan Aadde Jamiilaan, hojii hanga ammaatti hojjetame keessatti gaheen Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee daran olaanaa ta’uu himan.
Cabaafi ukkaamsa sirnoota darban keessa ture injifachuun yeroo ifaa kana akka arginuuf aarsaa nuuf taasistaniif galatoomaa jedhaniiru.
Kanaan duraa ayyaannii irreechaa malkaa 5 hin caalletti kabajamaa kan turee yeroo amma kanaa malkaawwan 86tti kabajamuu dubbatanii bara kanammoo bifa kan duraarra baay’inaanis ta’ee miidhaginaan caalmaa qabuun kabajuuf qophiin gahaan gama hundaan taasifamuu himaniiru.
Irreecha bara kanaa haaromsa aadaafi injifannoo Hidha Haaromsaa Guddicha xumurree kabajuun keenya adda akka isa taasisu kan hubachiisan hoggantuun kun, ummanni Oromoo injifachuu, xumuruufi raawwachuu akka danda’u gochaan kan argisiisedha jedhaniiru.
Bara kanas akkuma baroota darbanii ayyaanichi miidhaginaafi tokkummaa ummata Oromoo bifa ibsuu danda’uun kan kabajamu ta’uu kaasanii, obbolummaafi waloominni saboota biroos kan duraa caalaa kan ittimul’atu ta’uu Aadde Jamiilaan ibsaniiru.
Waltajjicharratti hayyuufi barsiisaa Yunivarsiitii Salaalee kan ta’an Doktar Birraatuu Qana’ii waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru.
Tsahaay Zawudeetu gabaase