Ayyaanni Saboota Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa yeroo uummatni biyyattii Hidha Haaromsaa waloomaan itti melkeessetti kabajamuun ayyaana addaa taasisa jedhan Pirezidaantiin Naannoo Gidduugaleessa Itoophiyaa Indaashaaw Xaasoo (PhD).
Pirezidaantichi naannichatti Sadaasa 25 irraa eegalee ayyaana sirnoota gara garaan kabajamuu ilaalchisuun tuuta miidiyaalee daawwanna hojiilee misoomaa naannichatti taasisaa jiraniif ibsa kennaniiru.
Ayyaana yeroo 20ffaaf kabajamu kun pirojektootni gurguddoon olka’iinsa Itoophiyaa mirkaneessan yeroo eegalamanitii kabajuun adda isaa taasisa jedhan.
Carraa argametti sirnaan fayyadamnee naannichaa beeksisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiras jedhan.
Qabeenya uumamaa naannichi qabu beeksisuun ijaarsa biyyaaf akka oluuf daandii kan saquudha ta’uus ibsa midiiyaaleef kennaniin eeraniiru.
Damee qonnaa, Indastirii akkasumas damee Turizimii dagatamee ture akka yaadatamaanifis ayyaannichi shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.
Naannichi Nageenya amansiisaa waan qabuuf lammiileen sa’atii 24 akkaataa barbaadaniin socho’anii daawwachuufi hojjechuu danda’uu jedhaniiru.
Hirmaattoota ayyaannichaa kallattii hundarraa dhufan humna guutuun simaachuuf qophiin barbaachisu taasifamaa jiraachuu Pirezidaant Indaashaawu addeessaniiruu.
Ayyaanichi Sadaasa 29, 2018 Magaalaa Hoosaa’inaatti kabajama.
Mangashaa Daargeetu Gabaase